Naannoo Oromiyaatti Gabaa tasgabbeesuuf hojii qindoominaa hojjetameen bu’aan argamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti Gabaa tasgabbeesuuf hojii qindoominaa hojjetameen bu’aan argamaa jira
 
           Onkoloolessa 21/2018(TOI)-Nannoo Oromiyaatti bara baajataa qabame kurmaana jalqabaan gabaa fi qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf hojii qindoominaan hojjetameen bu’aan argamaa jiraachuu Biiroon Daldalaa Naannichaa beeksise.
Itti Aanaan Biiroo Daldalaa Naannoo Oromiyaa Obbo Tasfaayee Gashoo TOI’f akka ibsanitti, bara baajatichaatti naannichatti gabaa tasgabbeessuuf dhiheessii dabaluunii fi hojiin to’annoo fi hordoffii cimee itti fufeera.
                
                
  
Kurmana kanatti biirichi raawwachiiftota fi hawaasa daldalaa waliin daldala seeraan alaa ittisuurratti kan xiyyeeffate hojii hubannaa uumuu hojjechuusaa dubbataniiru.
Daldala seeran Alaa ittisuu cinaatti dhaqabummaan omishaa akka bal’atuu gochuun dhiheessii fi fedhiin akka wal madaaluuf hojjetamaa turuun ni yaadatama.
Kanaanis Omisha qonnaa fi bu’aawwan induistirii nyaataaf oolan baay’inaan, qulqullinaa fi gatii madaalawaan gabaa Dilbataan, Baazaarii fi Egzibiishiniin hawaasaaf akka dhihaatu taasifamuu dubbataniiru.
Akkasumas qaamolee qooda fudhattootarraa, Yuuniyeenotarraa, waldaalee hojii gamtaa fi Qonna Magaalaarratti qaamolee bobban waliin ta’uun hojii dhiheessii fooyya’aa hojjechuusaanii dubbataniiru.
Naannichatti baatiiwwan sadan darban kurmaana jalqabaa waggaatti gabaa dilbataa dabalataa 19 hundeessuun walii gala gabaa dilbataa 590 akka jiran eeruun, filannoowwan gabaa kana omishni akka dhihaatan gochuun gabaan akka tasgabbaa’u gochuu danda’uu kaasaniiru.
                
                
  
Keessumaa Omishtoonni Muduraa fi kuduraa walitti hidhaminsa gabaa naannoosaanitti uumameen hawaasa dhaqqabsiisuun haala fooya’een fayyadamoo ta’uusaanii dubbataniiru.
Akksumas Industiriiwwan omishaa nyaatan wal qabatan naannichatti argaman waliin walii galuun hawaasni gatii warshaan omishicha akka argatu taassifamuu dubbataniiru.
#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI