Misoomni koriidaraa Dirree Dawaa Hojii fi jireenyaaf filatamtuu taassiseera – jiraattota - ENA Afaan Oromoo
Misoomni koriidaraa Dirree Dawaa Hojii fi jireenyaaf filatamtuu taassiseera – jiraattota
 
           Onkoloolessa21/2018(TOI)- Misoomni koriideraa Dirreedawaa Hojii fi jireenyaaf filatamtuu taassiseera jechuun jiraattotni Dirreedawaa dubbatan.
Magaalichatti marsaa jalqabaan misoomni koriideraa KiilooMeetirii11 ol hojjetaman guutummaa guutuutti xumuramaniiru.
                
                
  
Misooma koriideraa hojjetaman ilaalchisee Jiraattonni Magaalichaa yaada isaanii TOI kennan akka jedhanitti misooni koriideraa Dirreedawaatti miidhagina dabaluun Magaalitti hojii fi Jireenyaatiif filatamtuu taassiseera.
Jiraattota keessaa ObboShamsaddin Tsaggaayee akka ibsanitti, misoomni koriideraa Magaalichatti bakkeewwan adda addaatti balfawwan turan qulqulleessuun naannoo nageenyisaa eegame uumeera.
                
                
  
Daandiin lafoo fi konkolaataa adda bahee hojjetamuunsaa daandiin konkolaataa akka mijatu dabalu ibsuun, kunis jiraattotaaf haala mijataa hojii fi bakka bashannanaa uumuusaa kasaniiru.
Obbo Abdiisaa Biraanuu gamasaniin, Misoomni Koriideraa Lafoo Deemtotaaf, kan Biskileetii fi Daandii Baaburaa adda bahuun sochiisaa saffisiisuu ibsaniiru.
                
                
  
Ammaan dura Bishkileetii fi Konkolaataan daandii tokkorra socho’aa balaa uumaa kan turan ta’uu eeruun, yeroo ammaa rakkoon kun hfuramuusaa kaasuun hojiin gaariin kun cimee akka itti fufu qoodasaanii akka bahan eeraniiru.
Kanarra darbee bakkeewwan bashannanaa magaalichatti ijaaraman jiraattonni yeroo baqonnaasaanii bakka mijataa itti dabarsan uumuu dubbataniiru.
Hoggantoota Misoomni koriidaraa kun akka hojjetamu taassisan galateeffatanmiiru.
Misoomni koriidaraa isaan dabalatee namoota biroof carraa hojii yeroo fi dhaabbii uumuusaa Aadde Beetii Alamisheet dubbataniiru.
                
                
  
Carraa hojii argataniin ijooleesaanii guddisaa jiraachuu kaasaniiru.
Jiraataan magaalichaa obbo Joorji Abdallaa gamasaaniin, misoomni koriidara bakkeewwan balfaa turan miidhagaa fi hawwataa taassisuun gidduugala hojii fi jireenyaa miidhagaa akka ta’u dandeessisuu dubbataniiru.
                
                
  
Magaalaa Diree Dawaatti marsaa jalqabaan Misoomni Koriidaraa kallattii 4’n ijaarame xumuramuu odeeffannoon pirojektii Bulchiinsa Magaalaa Diree Dawaa irraa argame ni mul’isa