Naannoo Harariitti Damee Invastimantii jajjabeessuuf deeggarsi taassifamu cimee itti fufeera - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti Damee Invastimantii jajjabeessuuf deeggarsi taassifamu cimee itti fufeera
 
           Onkoloolessa 21/2018(TOI)-Naannoo Harariitti Damee Invastimantii jajjabeessuuf deeggarsaa fi hordoffii cimsuu Biiroon Intarpirayizii fi Industirii naannichaa ibse.
Itti Aanaan Biiroo misooma Intarpiraayizii fi Industirii naannichaa Obbo Hamdii Salahiddiin TOI’f akka ibsanitti naannichatti damee Invastimantii jajjabeessuuf hojiin deeggarsaa fi hordoffiif xiyyeeffannoon kennameera.
Kanaanis bara baajatichaa kurmaana jalqabaatti Duureeyyiin 32 kaappitaala Birrii biiliyoona 1 tuqaa 2 galmeessisan eeyyama invastimantii fudhachuusaanii eeraniiru.
Eeyyamni Invastimantii kan kennameefiis Qonnaan, Manuufakcharingii fi damee tajaajilaan ta’uu dubbataniiru.
Bu’aa qabeessummaa hojii invastimantii guddisuuf hojii deeggarsaa fi hordoffii cimsuun namoota sirnaan hojiitti hin galle Dureeyyii 40 ta’an irratti akeekkachiisaa eegalee hanga eeyyama Invastimantii haquutti tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.
Dureeyyii tarkaanfiin irratti fudhatame keessaa 17 haala walii galtee galaniin kan hin Misoomsine waan ta’anii fi lafa fudhatanii hojiitti kan hin galle ta’uusaanii ibsaniiru.
Kan biroon sababa quubsaa malee ijaarsa kan adda kutanii fi eeyyama ijaarsaa malee hojii kan eegalan yoo ta’u dureeyyotni 18 immoo akka dhorkaman ta’uusaanii ibsaniiru.
Dabalataanis dureeyyoota hojiin deeggarsaa adda addaa taassifamee fi lafa fudhatanii dallaa itti dalleesanii kaa’an eeyyamnisaanii haqamuu ibsaniiru.
Ittifufuunis dureeyyii eeyyama invastimantiin lafa fudhatanii gara hojiitti hin galle irratti hordoffii taassisuun tarkaanfii madaalu fudachuun cimee akka itti fufu ibsaniiru