Lammiileen Waliin dhooftota kanneen hojiif biyya alaatti ni ergina jedhanirraa akka ofeeggatan gaafatame - ENA Afaan Oromoo
Lammiileen Waliin dhooftota kanneen hojiif biyya alaatti ni ergina jedhanirraa akka ofeeggatan gaafatame
 
           Onkoloolessa 21/2018 (TOI)-Lammiileen qaamolee waliin dhooftota bu’ura seeraa fi biyyoota alaa waliin walii galtee osoo hin qabaatiin ‘hojjetaa biyya alaatti ni ergina’ kanneen jedhaniin akka hin gowwoomne ofeeggachuu akka qaban ibsame.
Namni hojiif biyya alaatti kan ergamu karaa ministeera hojii fi ogummaa qofa ta’uun ibsameera.
Haala Kanaan namoonni bakka jiranirraa hojii biyya alaaf galmaa’uu akka danda’an sirni odeeffannoo gabaa Itiyoophiyaa https://lmis.gov.et/ diriirfamee hojjetamaa akka jiru eerameera.
Kana hordofuun biyyoota jiddu galeessa bahaa jaaha Itiyoophiyaan walii galtee mallatteessitetti deemuuf kan dandeessisu leenjii fi madaalliin erga raawwatamee booda hojiif akka ergaman beekameera.
Kun osoo Kanaan jiruu beekamtii eyyama mootummaan ala namni hojiif biyya alaatti ergamu akka hin jirre hubachuun, namoonni lubbuusaanii, yeroosaanii akkasumas maallaqasaanii akka hin dhabne gaafatameera.
Karaa faddaaltota seeraan alaa namoota deddeebisaniin biyya alaa deemuun jireenya ofii akkasumas jireenya maatii rakkoo hammaataaf akka saaxilu hubachuun adeemsa balaafamaa akkasuurraa akka of qusatu gorsaniiru.
Ministeera hojii fi ogummaatti hojii raawwachiisaan hariiroo ummataa fi komunikeeshinii Abbabaa Alamuu Turtii TOI waliin taasisaniin, fayyadama carraa hojii dilbii biyya keessaa irratti bu’uureffate guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Hojiif biyya alaa deemuun yoo barbaachises karaa hojmaata ministeerichaan diriirfamanii mana leenjii teekiniikaa fi ogummaa aanaa isaaniitti argamutti leenji’uun nageenyisaanii akkasumas fayyadamummaan isaanii eegamee haalli hojiif ergaman akka jiru himaniiru.
Hojiif biyya alaatti erguu ilaalchisee odeeffannoo argachuuf karaa toora bilbilaa 9138 tolaan bilbiluun akka danda’amu dubbataniiru.