Tamsaasa Kallatti:

Liigichaan Magaalaan Dirree Dawaa yoo mo’atu magaalaan Adaamaa Hadiyyaa Hoosaa’inaa waliin wal qixa bahaniiru

Onkoloolessa 20/2018 (TOI)-Taphoonni guyyaa xumuraa turban sadaffaa piriimer liigii Itiyoophiyaa har’a gaggeeffamaniiru.

Tapha Istaadiyoomii Yuunivarsiitii hawaasaatti gaggeeffameen magaalaan Dirree Dawaa Maqalee 70 Indartaa 2 fi 1’n mo’ateera.

Haala Kanaan magaalaan Dirree Dawaa qabxii jaahaan sadarkaasaa gara toorbaffaatti guddiseera. Maqalee 70 Indartaan qabxii tokkoon sadarkaa 17ffaa qabateera.

Tapha biraatiin Magaalaan Adaamaa Hadiyyaa Hoosaa’inaa waliin Istaadiyoomii Finfinneetti taphatanii galchii malee gargar bahaniiru.

Magaalaan Adaamaa qabxii sadiin 11ffaa, Hadiyyaa Hoosaa’inaanis akkasuma qabxii sadiin gooliin caalamee sadarkaa 14ffaa qabateera.

Sagantaan turban sadaffaa haala Kanaan xumurameera.

Sagantaan turban afraffaa Onkoloolessa 23 bara 2018irraa eegalee ni gaggeeffama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015