Itiyoophiyaan Faayidaa dinagdeeshee fi eenyummaashee eegsisuuf bakka turte gara galaana diimaatti deebi’uu dirqama - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Faayidaa dinagdeeshee fi eenyummaashee eegsisuuf bakka turte gara galaana diimaatti deebi’uu dirqama
Onkoloolessa 20/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan Faayidaa dinagdeeshee fi eenyummaashee eegsisuuf bakka turte gara galaana diimaatti deebi’uu dirqama jechuun ibsan Piroofeesar Biruuk Hayiluu Bashaah
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad walgahii idilee lammaffaa bara hojii shanaffaa mana maree bakka bu’oota ummataa irratti gaaffiiwwan miseensota mana mareerraa dhihaataniif deebii fi ibsa kennaniin, dhimmi galaana diimaa gaaffii seera qabeessa, seena qabeessa, teessuma lafaa fi dinagdee ta’uu kaasaniiru.
Yuunivarsiitiiwwan Itiyoophiyaa fi Ameerikaa garagaraatti barsiisaa kan ta’an Piroofeesar Biruuk Hayiluu Bashaah TOI’tti akka himanitti, akkaataan Itiyoophiyaan galaana diimaarraa gargar cite bu’ura seeraa akka hin qabne kaasanii, biyyoota ulaa galaanaa hin qabne 44 keessa baay’inaan akka caaltu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan riijinii galaana diimaaf haraa miti kan jedhan piroofeesar Biruuk, Pershiyaarraa amma Babel Mandabii fi Hinditti kan deeman dooniiwwan cimaa kan qabdu akka ture yaadataniiru.
Galaannii diimaa kan ishee wayita turetti bulchiinsota Roomaa fi Giriik waliin walitti hidhata daldalaa cimaa qabaachaa akka turte ibsanii, faayidaa dinagdee fi eenyummaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf gara galaana diimaatti deebi’uun dirqama jedhaniiru.
Itiyoophiyaan imaammata hariiroo alaa tumsarratti hundaa’e akka qabdu eeranii, gara galaana diimaatti deebi’uun riijinichaaf faayidaa hedduu akka qabu ibsaniiru.
Biyyoota addunyaarraa ulaa galaanaa hin qabne keessaa 16 Afriikaa keessatti akka argaman ibsanii, Itiyoophiyaan waggaa 34 dura ulaa galaanaa km. kuma lama ta’u qabdi ture jedhaniiru.
Afriikaarraa Zimbaabuwee fi Maalaawiin ulaa galaanaa Moozaambiik akka fayyadaman yaadatanii, gaaffiin sera qabeessii fi karaa nagaa Itiyoophiyaan gaafatte biyyoota ollaatiin qajeeltummaan ilaalamuu akka qabu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan eenyummaashee eegsisuuf hammattoo seeraa amma mana murtii idil addunyaatti geessuuf ishee dandeessisu ifatti akka qabdu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan ulaa galaanaatti akka hin fayyadamne dhorkuuf mirga kan qabu hin jiru kan jedhan piroofeessar Biruuk, biyyi ulaa galaanaa qabu tumsuuf dirqama akka qabu ibsaniiru.
Haala Kanaan biyyoota gurguddoo dabalatee adeemsa karaa nagaa Itiyoophiyaan hoedofte ulaa galaanaa akka ishee barbaachisu fudhataniiru jedhaniiru.
Ulaan galaanaa Itiyoophiyaaf barbaachisaa akka ta’e Awurooppaarraa amma biyyoota galoo galaanaatti beekamtii kennuu eegaluusaanii bu’aa carraaqqii dippilomaasii ta’uu ibsaniiru.