Misoomni Kooriidaraa magaalaa Amboo bifa haaraa fi miidhagaa ishee gonfachiiseera - ENA Afaan Oromoo
Misoomni Kooriidaraa magaalaa Amboo bifa haaraa fi miidhagaa ishee gonfachiiseera
Onkoloolessa 20/2018(TOI)-Misoomni Kooriidaraa magaalaa Ambootti hojjetame magaalattii bifa haaraa fi miidhagaa akka ishee gonfachiise Jiraattonni magaalatti dubbatan.
Naannoo Oromiyaatti magaalota misoomni Kooriidaraa bal’inaan keessatti hojjetaman keessaa tokko magaalaa Ambooti.
Jiraattonni magaalaa Amboo misooma Kooriidaraa magaalattitti hojjetaman ilaalchisuun TOI’n dubbise misoomni kooriidaraa bifa magaalattiin duraan qabdu jijjiiraa akka jiru dubbataniiru.
Jiraataan magaalaa Amboo obbo Mangistuu Raggaasaa akka jedhanitti, Kooriidarichi osoo hin eegaliin dura daandiin muummee magaalaa Amboo Qaxxaamuree darbu tiraafikaa fi sochii namootaatiin kan muddame ture.
Hojiin misooma Kooriidaraa erga eegalee sitti garuu daandiin waan bal’ateef konkolaattotaa fi namaaf haala mijataa uumuun alatti miidhaginni magaalattii dabaleera jedhan.
Dargaggoonnis bakka bashannanaa fi itti boqotan argachuusaanii argachuusaanii dubbataniiru.
Jiraataan magaalaa Amboo kan biraan obbo Mangee Tafarii,misoomni kooriidaraa magaalaa Amboo osoo hin eegalamiin dura balfi qarqara daandiirratti kuufame deemuuf rakkisaa ture jedhaniiru.
Bakkeewwan balfaan guutamanii turan bakka bashannanaatti jijjiiramuusaanii dubbatanii, milkaa’ina misooma kooriidaraa kanaaf bulchiinsa magaalaa cinaa dhaabachuun deeggarsa taasisan akka itti fufan ibsaniiru.
Misooma kooriidarii hojjetameen bakkeewwan qilleensa qulqulluun waan guutameef magaalattii jireenyaaf mijattuu fi qulqulluu godheera jechuun dubbataniiru.
Dargaggoo Baayyisaa Taammiruu gamasaatiin, guddina biyyaa saffisiisuuf qoonni dargaggootaa guddaa ta’uu eeree, misoomni magaalattiitti gaggeeffamaa jiru akka saffisu hirmaannaa akka cimsu ibseera.
Hojiin misooma kooriidaraa bifa magaalattii jijjiiruun turizimii fi invastimantiif mijattii akka taasisu ibsee, dargaggoota biroo waliin ta’uun amma hojiin misoomaa kun xumuramutti qoodasaa akka bahu mirkaneesseera.