Tamsaasa Kallatti:

Madin Itiyoophiyaan  har’a Piiraamidii Gibtsii waliin taphasaanii  gaggeessa  

Onkoloolessa20/2018(TOI)-Madin Itiyoophiyaan shaampiyoonsii liigii  “CAF” marsaa 2ffaa har’a injifataasaa wayita sanaa Piiraamidii Gibtsii waliin taphasaa ni  gaggeessa.

Taphni Gareewwan Lameenii galgala sa’aatii12:00kaayirootti kan argamu Istaadiyeemii June 30 er diffeensitti  gaggeeffama.

Kilaboonni kun Onkoloolessa16 bara2018 tapha marsaa jalqabaa gaggeessaniin  tokko gitaan addaan bahaniiru.

Burk Mulgeetaa Madin Itiyoophiyaaf, Fiisten Mayelee piraamidiif goolii kan lakkoofsisanidha.

Madin Itiyoophiyaan tapha  deebi’aa yoo injifate  gara garee shaampiyoonsi liigii CAF tti ,makama.


 

Madin bara kana shaampiyoonsi liigii CAF irratti  yeroo jalqabaaf hirmaachuusaati.  

Garichi seenaasaa keessatti  piriimer liigii Itiyoophiyaa  yeroo  jalqabaaf  injifachuun  carraa dorgommii Ardiirratti hirmaatu  akka argatuuf dandeessiseera.

Kilabiin Gibtsi Piiraamid  abbaa waancaa Shaampiyoonsi liigii  CAFti.

Kilabichi  waancaa mo’attoota waancaa CAF  injifateera.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015