Tamsaasa Kallatti:

Qonni Guddina Biyyaa keessaatti gahee guddaa kan bahu waan ta’eef hordoffii barbaada– Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad

Onkoloolessa 20/2018(TOI)- Qonni Guddina Biyyaa keessaatti gahee guddaa kan bahu waan ta’eef hordoffii barbaada jechuun ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad  Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti sagantaa walitti qabuu misooma midhaan gannaa fi jalqabsiisa hojii misooma qamadii bonaa irratti argamanii haasaa taassisaniiru.

Itiyoophiya keessatti Omishtummaa guddisuuf haala mijataa uumameen Bonaa fi ganna qotamaa jira kan jedhan ministirri muummeen, hojii hojjetamuun  qamadii qofa osoo hin taane Ruuzii, Boqqolloo  fi Xaafiin babal’achaa jira jedhaniiru.

Omishtummaan keenya yeroo gara yerootti ammuma guddachaa dhufu ijoolleen keenya hojii argatu, namn nyaatee bula, gurguratees buufata jedhaniiru.

Qonnaan bulaan keenya osoo lafa, bishaanii fi humna qabuu kadhachuu hin qabu jechuun  dubbataniiru.

Qonni  Guddina Biyyaa keessaatti gahee guddaa kan bahu waan ta’eef hordoffii fi deeggarsa barbaada jechuun ibsaniiru.

Qonni kilaastaraa babal’achaa jiraachuu eeruun, ammas hojii kana cimsuun Qonnaan bultoonni kilaastaraan qotuun tiraaktaraa fi kombaayinara fayyadamuu akka danda’u gochuuf hojjechuu qabna jedhaniiru.

Waggaa lamaa fi sadii booda yeroo  xa’oo omishuu eegallu qorannoorratti hundaa’uun haala lafa keenyaaf mijatuun xaa’oo fayyadamnee omishtummaa keenya dachaan daballa jedhaniiru.

Yeroo akkasii meeshaa ammayyaa Tiraaktara fi kombaayinara hin fayyadamnu taanaan callaan argannu harca’uu waan danda’uuf of qopheessuu qabna jechuun hubachiisaniiru.

Lafa fi bishaan keenya sirriitti beekne madaallee yoo fayyadamne Ityoophiyaan nyaatan of-danda’uu qofa osoo hin taane isaa olitti gurgurtee fayyadamuufis ta’e kaan gargaaruuf  haala mijaataa qabdi jedhaniiru.

Yeroo ammaa akka Itiyoophiyaattis ta’e akka Oromiyaatti waanti hojjetamaa jiru abdii kan namatti horu jiraachuu eeruun, caalaatti hojjechuun murteessa ta’uu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015