Itiyoophiyaan cehumsa misoomaa olanaarratti argamti-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan cehumsa misoomaa olanaarratti argamti-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Onkoloolessa 20/2018(TOI)- Itiyoophiyaan cehumsa misoomaa olaanaarra akka jirtu naannoon Oromiyaa godinni Shawaa Bahaa ragaadha jechuun ibsan Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa.
Itti aanaan ministira muummee godina Shawaa Bahaatti hojiilee mosooma qonnaa daawwataniiru.
Daawwannaan booda ibsa kennaniin, qonnaan bultoonni naannawa sulula Qinxaamaa mul’ataan guutamanii hojjechaa, meekaanaayizeeshiniin babal’achaa, walitti hidhamiinsi gabaa sorooraa mootummaanis hooggansa ga’oomaa kennaa akka jiru ibsaniiru.
Dhamaatii fi qindoominni kun hundi ga’umsisaa badhaadhina Itiyoophiyaa karoorfannedha jedhaniiru.
Kombaayinaroonni hedduun bobba’anii midhaan haamaaf gahe walitti qabamaa, kana cinaattis misooma Qamadii bonaaf qophaa’aa akka jiru dubbataniiru.
Bakkeen kun hanqina roobaa kan qabuu fi sululli Qinxaamaa kan keessa darbu yoo ta’u Seeftiineetiin gargaaramaa akka ture eeranii, yeroo ammaa garuu bishaan lafa keessaa fi laga Awaash naannawicha keessa darbutti fayyadamuun hojiileen misoomaa garagaraa hojjetamaa akka jiran dubbataniiru.
Kun ammoo qonnaan bulaan keenya gargaaramuurraa gara oomishuutti jijjiiramaa akka jiru agarsiisa jedhaniiru.
Gama biraatiin misooma Qamadiin alatti muuzii fi Paappaayaan kilaastaraan misoomaa akka jiru arguusaanii dubbataniiru.
Yeroo ammaa qonnaan bulaan Qamadii dabalatee kuduraa fi muduraa kilaastaraan oomishaa jira, kun ammoo bayyanachuu Itiyoophiyaa fi badhaadhinni akka hin oolle kan mirkaneessudha jedhaniiru.
Dameelee riifoormii man-dhalee filanne shan keessaa qonni isa tokko kan jedhan itti aanaan ministira muummee, hojiin qonnarratti hojjennu industirii oomishaaf galtee guddaa ta’a jedhaniiru.
Kana cimsaa wayita deemnu carraan hiyyummaa jalaa bahuuf qabnu yeroo dhihootti akka mirkanaa’u agarsiisa jedhaniiru.