Tamsaasa Kallatti:

Tattaaffiiwwan Itiyoophiyaan Ulaa Galaanaa akka hin arganne taasisan ulaagaa kamiinuu fudhatama hin qabu – Hayyoota

Onkoloolessa 20/2018(TOI)- Biyya akka Itiyoophiyaa seenaa qabeettii, guddoo fi ummanni hedduun keessa jiraatu deemsi Ulaa galaanaa akka hinqabaanne taassisan seeraanis ta’e siyaasaan fudhatama akka hin qabne hayyoonni ibsan.

Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa qananii osoo hin ta’iin dhimma jiraachuu ta’uusaa Yuunvarsiitii Yuunitiitti barsiisaan ogummaa Gaggeessummaa fi Quunnamtii Addunyaa Dr. Geetiyyee Tirfee hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf tattaaffii taasisaa jirtu seenaan, ragaawwan seeraan, haala teessuma lafaan, ulaagaawwan Idil-Addunyaan amansiisaa fi fudhatama kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Adeemsa hanga ammaa jiruun madaalliiwwan hedduun fudhatama Idil-Addunyaa qabaachuusaa hubachuusaanii dubbataniiru.

Yuunvarsiitii Wachaamootti barsiisaa Saayinsi siyaaasaa fi Quunnamtii Addunyaa Mulaalam Haayilamaariyaam gamasaaniin, Ulaa galaanaa fayidaa hedduu qabu argachuuf gaaffii Itiyoophiyaan kaaste deeggarsa ummataa qabaachuu eeruun sirrii ta’uusaa kaasaniiru.

Of-eeggannoo Mootummaan ittiin deemaa jiru dinqisiifatanii Biyyi akka Itiyoophiyaa seenaa qabeettiin, guddoo fi ummata hedduu qabdu ulaa galaanaa akka hinqabaanne wantoonni taassisan seenaanis ta’e siyaasaan fudhatama akka hin qabne hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaan Adeemsa itti Ulaa Galaanaa dhabde Amansiisaa fi uumamaan osoo hinta’iin shira gareewwan tokkoo ta’uusaa kan kaasan immoo Yuunvarsiitii Diillaatti Barsiisaa Saayinsii Siyaasaa fi qorataa siyaasa Afriikaa Bahaa Daawwit Mazgab dha.

Walitti hidhaminsa biiyyoolessa fi Riijinii cimsuurratti ulaa galaanaa argachuuf tattaaffiiwwan taassifaman fedhii mootummaa fi paartii tokkoo godhanii fudhachuu akka hin qabne hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaan Ulaa Galaanaa argachuu akka qabdu amanuun tattaaffii eegaluushee eeruun, walitti hidhaminsa ummataaf, biyyarra darbee tumsa riijinii fi waloon guddachuuf qoodni ulaa galaanaa guddaa ta’uu hubachiisaniiru.

Tattaafficha milkeessuuf dippiloomaasii nagaa qabeessa gaggeessuun ni gorfama kan jedhan hayyoonni Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuun faayidaan riijinichaaf qabu, guddinaa fi misooma waloof biyyoonni osoo tumsan bu’aa akka argatan TOI’f ibsaniiru.

Itiyoophiyaan bu’uura seeraa qabdu, seenaa fi ragaa sanadaa sirnaan qindeeffattee Karaa Dippiloomaasii nagaa qabeesaanii fi tooftaan tattaaffiishee cimitee itti fufuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Mana maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii 5ffaa yaa’ii Idilee 2ffaa gaggeeffamrerratti akka dubbatanitti, dhimmi ulaa galaanaa seenaan, teessuma lafaa fi gaaffii Diinagdee ta’uusaa ni amanna, dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eef Itiyoophiyaan itti cufameee jiraachuu waan hin dandeenyeef tattaaffiinshee itti fufa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015