Itiyoophiyaan yaa’ii imaammata lafaa Ardii Afriikaa ni keessummeessiti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan yaa’ii imaammata lafaa Ardii Afriikaa ni keessummeessiti
Onkoloolessa 20/2018 (TOI) – Konfaransiin imaammata lafaa Afriikaa jahaffaan Sadaasa 1 amma 5 bara 2018tti Finfinneetti ni taa’ama.
Konfaransichi mata duree “bulchiinsa lafaa, haqaa fi kiisiin Afriikaanotaa fi hidda Afriikaanotaaf” jedhuun gaggeeffama.
Konfaransicha gamtaa Afriikaa, baankii misoomaa Afriikaa fi dhaabbata mootummoota gamtoomanii komishini dinagdee Afriikaa (ECA) tu waliin qopheesse.
Muuxannoowwan gaariin imaammata lafaa dhimmoota hawaasummaa, dinagdee, seena qabeessaa fi naannawaan wal simanii fi haqa lafarra jiruuf deebii kennan konfaransicharratti ni dhihaatu.
Sirna bulchiinsa lafaa bu’a qabeessaa fi itti gaafatamummaa of keessaa qabu ijaaruu, dandeettii dhaabbattummaa uumuu fi to’annoo fi hordoffii cimsuun haala danda’amanirratti mariin akka gaggeeffamu odeeffannoon TOI’n gamtaa Afriikaarraa argate nimul’isa.
Garbummaa, gochi bara kolonii lafa saamuu fi sababa sanyummaan lafa argachuurraa dhorkamuu dhiibbaawwan mirgoota lafaa, itti fayyadama qabeenyaa fi wal qixxummaarratti Afriikaanotaa fi hidda Afriikaanotaa irraan gahe irratti hubannoo waloo uumuun rakkoo kana fulla’insaan furuuf haala danda’amurratti mariin ni taasifama.
Mariilee kanneen akka bulchiinsa lafaa, haqaa fi kiisii cimsuu fi deebiiwwan imaammatarratti xiyyeeffatan kennuun kaayyoo konfaransichaa isa biraati.
Wal qixxummaa sirna koorniyaa, jijjiiramna haala qilleensaa fi teeknooloojii imaammataa fi bulchiinsa lafaa waliin walitti hidhuun xiyyeeffannoo argateera.
Konfaransicharratti dhimmoonni imaammata lafaa, Haqa lafaa, haqa kiisiii fi abbummaa lafaa irratti yaadonni imaammataa, seeraa fi dhaabbattummaa ni dhihaatu jedhameetu eegama.
Tumsi mootummootaa, gaggeessitoota hawaasaa, dhaabbilee hawaasa siviikii, damee dhuunfaa fi qorattoota jidduu jiru cimsuun bu’aa konfaransicharraa eegamudha.
Biyyoonni miseensa gamtaa Afriikaa dhiibbaawwan ashaaraa bara kolonii fi dhimmoota haqa dhabeessa wayitaawaan abbummaa fi bulchiinsa lafaa irraan gahan furuuf kutannoo qaban ni ibsu.
Ajandaawwan imaammata lafaa bocuu, hojiirra oolchuu fi dandeettii to’annoo guddisuu, cehumsa beekumsaa guddisuu fi kutannoo imaammataa gara deebii qabatamaatti jijjiiruunis xiyyeeffannoon kennamuun ibsameera.
Biyyoonni miseensa gamtaa Afriikaa, hooggantoonni olaanoo dhaabbilee fi gurmaa’inoota qorattoonni, ogeeyyonni imaammataa, gaggeessitoonni hawaasaa, dhalattoonni Afriikaa fi qooda fudhattoonni biroon konfaransii Ardii kanarratti nihirmaatu.
Konfaransiin imaammata lafaa Afriikaa taatee waggaa lama lamaan gaggeeffamudha.