Godina Wallagga lixaatti Qonnaan Bultoonni muduraalee Sanyii fooya’aa fayyadaman bu’aa qabeessa ta’aniiru - ENA Afaan Oromoo
Godina Wallagga lixaatti Qonnaan Bultoonni muduraalee Sanyii fooya’aa fayyadaman bu’aa qabeessa ta’aniiru
Onkoloolessa 19/2018(TOI)- Godina wallaga lixaa Qonnaan Bultoonni muduraalee sanyii foyya’oo gidduugala Qorannoorraa bahan fayyadaman misoomicharraa galii fooya’aa argachuun fayyadamoo ta’aa dhufuusaanii dubbataniiru.
Qonnaan Bultoonni Misooma muduraarratti bobba’an TOI’f yaada kennaniin akka ibsanitti, sanyii foyya’aa Mootummaarraa argatan misoomsuun galii argatanii jireenya fooya’aa gaggeeffachuu eegaluusaanii dubbataniiru.
Qonnaan bultoota Sanyiiwwan fooya’aa kana fayyadaman keessaa Godinichatti jiraataan Aanaa hoomaa obboTakkaaleny Efireem, ammaan dura misooma bunaarratti qofa hirkatanii turuusaanii dubbataniiru.
Yeroo dhihootii asitti deeggarsa ogeeyyii Qonnaan fuduraalee sanyii fooya’oo fayyadamuun misuumsuusaanin bu’aa qabeessa ta’uu danda’uusanii ibsaniiru.
Avocaadoo fi Muuzii misoomsuun waggaatti galii hanga birrii kuma 25 argachuusaanii kaasuun kanaanis jireenyasaanii karaa fooya’een gaggeeffachuusaanii dubbataniiru.
Jiraataan Aanaa Laaloo Assaabii Qonnaan bulaa Garramoo Jireenyaa gamasaaniin sanyii filatamaa Muuzii Gidduugala Qorannoo Qonnaarraa bahe misoomsuun Dinagdeensaanii guddachaa jiraachuu dubbataniiru.
Fuuldurattis misoomicha cimsuun sanyii muuzii baay’isuunii fi misoomsuun fayyidaa argatan caalaatti guddisuuf cimanii akka hojjetan eeraniiru.
Waajjira Qonnaa Godina wallaga lixaatti ogeessi muduraalee obbo Jibiriil Mangee akka ibsanitti Godinichatti Aanaawwan hundatti misoomni muduraalee bal’inaan gaggeeffamaa jira.
Sochii hanga ammaa jiruun lafa hektaara kuma 40 fi 381 muduraalee sanyiin isaanii fooya’e kilaastaraan misoomaa jiraachuu ibsuun Qonnaan bultoonni kuma 62 ol misoomicharratti hirmaachuusaanii dubbataniiru.
Waggaa darbe sanyiiwwan fooya’oo gidduugala Qonnaarraa bahanii fi yeroo gabaabaa keessatti omisha hedduu fi qulqulluu kan kennan Muuzii, Avokadoo Paappayaa fi muduraalee biroon Qonnaan bulaaf qaqqabamuusaanii dubbataniiru.
Misooma muduraalee raawwatamaa jiran irraa omishni Kuntaalli Miiliyoona 291 ol waggaa waggaan walitti qabamaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Qonnaan Bulaan omisha marsaa tokkoon giddugaleessaan galii birrii kuma 30 hanga 50 argachaa jiraachuu eeruun, akka fakkeenyaatti bara omishaa qabame firii kennuu kan eegale Avookaadoo “hash” jedhamerraa kuntaala 76 gabaaf dhiheessuus danda’uusaanii dubbataniiru.