Itiyoophiyaan nageenya Sudaan Kibbaaf deeggarsa barbaachisu ni gooti – Dr. Geediyoon Ximootiwoos - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan nageenya Sudaan Kibbaaf deeggarsa barbaachisu ni gooti – Dr. Geediyoon Ximootiwoos
Onkoloolessa 19/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii Sudaan Kibbaaf deeggarsa gootu cimsitee akka itti fuftu ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos ibsan.
Itiyoophiyaan Sudaan kibbaa waliin walitti hidhamiinsa bu’ura misoomaa cimsuuf akka barbaaddu dubbataniiru.
Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos jila olaanaa Sudaan Kibbaatti ministira dhimmoota Afriikaa Bahaa Piiyengi DengiKu’oliin durfamu har’a waajjirasaaniitti simatanii dubbisaniiru.
Gareen jilaa kun ministira dhimma alaaf haala yroo Sudaan Kibbaa keessumaa bulchiinsa Abuyyee ilaalchisuun ibsa kenneera.
Itiyoophiyaan hidha haaromsaa xumurtee milkaa’inaan eebbisiisuusheetiin gammachuusaanii ibsuun ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos pirezidaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Mayardiit eebba hidha haaromsaarratti hirmaachuusaniif galateeffataniiru.
Itiyoophiyaan nagaa fi tasgabbii Sudaan Kibbaaf kutannoo cimaa qabdu ministirri Geediyoon Ximootiwoos mirkaneessaniiru.
Biyyoonni lamaan caalaatti bu’ura misoomaan walitti hidhamanii tumsa dinagdee riijinii guddisuuf hojjechuu akka qaban ibsuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaa ni mul’isa.