Tamsaasa Kallatti:

Waancaa Karabaa’oof har’a tapha nuusa xumuraaf taphoonni murteessoon ni gaggeeffamu  

 Onkoloolessa19/2018(TOI)- Ingiliz Karabaa’oo Kaappitti marsaa 4ffaa oolmaa guyyaa 2ffaan  taphoonni shan ni gaggeeffamu.

Injifataan dorgamaa wakticha Niwukaastilyuunaayitid waliin   galgala sa’aatii 5:00 Istaadiyeemii  Sentijeemsi Parkiitti, Tootenihaam hotispersin keessummeessa.

NiwuukaastilYuunayitidiin bara darbe xumura Waancaa Karabaa’oon  Liiverpuuliin  injifachuun  waancicha yeroo jalqabaaf  fudhachuunsaa ni yaadatama.

Tootenihaam hotispersi dorgommicha yeroo 4 Injifateera.

Marsa sadaffaan Niwukaastil biraadfordisiitiin, Tootinihaam hotispersi doonkaaster roversiin injifateera.

Sagantaawwan  biroon Arsenaal Biraayiten waliin , Liiverpuul  kiristaal paalas waliin ,Siwinsi siitiin Maanchisteer siitii  fi wolvis  chelsii waliin  haala wal fakkaatuun sa’aatii 4:45 taphasaanii gaggeessu.

Taphi waanchaa Karabaa’oo  kaleessa eegale  sagantaa marsaa 4ffaan taphoota har’a gaggeeffamaniin   xumurama.

Bireentiford ,Fuulhaamii fi Kaardiif siitiin dorgommii xumuraa  nuusaaf  kilaboota darbanidha.

A.L.A Bara 1960  Kan Eegale Taphni Waancaa karabaa’oo (maqaa waamicha duriin waancaa kubbaa miilaa Ingliz ) Ingilizitti  FCAP jalqabaa dorgommi  mo’anii darbuu  Alaati.

 Liiverpuul  yeroo 10 waancaa kaasun  kilabii  milkaa’aa dorgommichaati .

Manchisteersiitiin 8 fi maanchisteer  yuunayitid  yeroo ja’aa dorgamocha injifachuun hordofu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015