Tamsaasa Kallatti:

Piriimer Liigii Itiyoophiyaatti har’a taphoonni sadii gaggeeffamu

 Onkoloolessa19/2018(TOI)- Piriimer liigii Itiyoophiyaa  torban 2ffaan oolmaasaa  guyyaa lamaan taphoonni  sadii ni  gaggeeffamu.

Gareen guddaattuun Nagellee Arsii Qiddus Goorgis guyyaa sa’aatii10:00 Istaadiyeemii  Magaalaa Finfinneetti taphatu.

Negellee Arsiin hanga ammaatti tapha liigichatti gaggeesseen qabxii tokkoon sadarkaa 15ffaa qabateera.

 Liigichatti Injifataan yeroo 16ffaa Qiddus goorgis , tapha tokko gaggeesseen  qabxii sadii fiduun sagantaa sirreeffamaa tokko  jijiiruun sadarkaa 9ffaa   irratti argama.

Gareen Magaalaan Hawaasaa, walaayittaa Diichaa waliin guyyaa sa’atii 9:00 Istaadiyeemii Hawaasaatti taphasaanii gaggeessu.

Magaalaan Hawaasaa qabxii sadiin sadarkaa 8ffaa, walaayittaa diichaan qabxii tokko malee  sadarkaa dhumaa 20ffaarra taa’eera.

Faasil kanamaan, Buna Sidaamaa waliin Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Hawaasaatti   Galgala sa’aatii 12:00 ni taphatu

  Faasil kanamaan qabxii 4n sadarkaa 4ffaa, Bunni Sidaamaa qabxii 6n sadarkaa 3ffaa qabateera.

Bunni Sidaamaa yoo Injifate  dursummaa liigichaa irra deebiin fudhata.  

Madin Itiyoophiyaan   Magaalaa Shaggar waliin  Tapha torban 3ffaa  gaggeessuuf turan  Madin Shaampiyoonsi liigii kaafitti  Piraamidis waliin sababa tapha irra deebii  marsaa lammaffaa taassisuun  yeroo hin murtoofneef  dheerachuusaa  Waldaan Aksiiyoona Liigichaa Beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015