Itiyoophiyaan ulaa galaanaa isheef malu gaafachuunshee qananii miti – Hayyoota - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa isheef malu gaafachuunshee qananii miti – Hayyoota
Onkoloolessa 19/2018 (TOI)-Itiyoophiyaan ulaa galaanaa qaamolee guddinashee hin barbaannee fi ragaan bakka hin jirretti shiraan irraa fudhatame gaafachuunshee mirga malee qananii akka hin taane hayyoonni ibsan.
Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii 5ffaa bakka Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti kaleessa walgahii idilee lammaffaa gaggeesseera.
Ministirri muummee Dr, Abiyyi Ahimad wayita kana galaana Diimaan walqabatee ibsa kennaniin, dhimmi galaana diimaa gaaffii seera qabeessa, seena qabeessa, haala teessuma lafaa fi dinagdee ta’uu Itiyoophiyaan ni amanti jedhaniiru.
Itiyoophiyaan galaana diimaa akka dhabdu eenyu murteesse jennee yoo sakattaanu ragaan hin argamne, dhaabbileenis harka keessaa akka hin qabne kaasaniiru.
Ulaan galaanaa dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eef Itiyoophiyaan itti cufamee jiraachuu waan hin dandeenyeef tattaaffiin gootu cimee akka itti fufu ibsaniiru.
Hayyoonni TOI’n dhimmicharratti dubbise akka jedhanitti,Itiyoophiyaan qaamolee badhaadhinashee hin barbaanneen kan harkaa fudhatame qaamashee kan ta’e gaafachuun mirga malee qananii akka hin taane himaniiru.
Barsiisaan dippilomaasii fi hariiroo idil addunyaa barsiisa Indaalee Nugusee, akkaataan Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde daba malee seera qabeessa akka hin taane kaasanii, Itiyoohiyaan ulaa galaanaa argachuu qabdi jedhee mootummaan amanee ajandaa gochuunsaa seeraanis ta’e safuudhaan sirrii ta’uu eeraniiru.
Adeemsi dippilomaasii Itiyoophiyaan ulaa galaanaa shiraan dhabde argachuuf itti jirtu
Akka cimsitu gorsaniiru.
Yuunivarsiitii Boongaatti barsiisaa fi qorataan Saayinsii Siyaasaa fi hariiroo idil addunyaa Dr. Yaared Ayyaalew gamasaaniin Itiyoophiyaan ulaa galaanaa fayyadamuunshee faayidaansaa kan riijinichaas ta’uu akka ta’u dubbataniiru.
Itti fayyadama waloof jecha riijinicha dabalatee hawaasni addunyaa Itiyoophiyaan kan gaafatte qaamashee waan ta’eef Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka argattu deeggaruu akka qaban dubbataniiru.