Itiyoophiyaan Galaana Diimaa dhabuun waggaa 30 kan isheetti fudhate gara galaana diimaatti deebi’uuf waggaa 30 ishee hin barbaachisu - Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Galaana Diimaa dhabuun waggaa 30 kan isheetti fudhate gara galaana diimaatti deebi’uuf waggaa 30 ishee hin barbaachisu - Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Onkoloolessa 19/2018(TOI)-Itiyoophiyaan Galaana Diimaa dhabuuf waggaa 30 kan itti fudhate gara Galaana Diimaatti deebi’uuf waggoota 30 ishee hin barbaachisu jechuun ibsan Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad.
Manni maree bakka bu’oota ummataa yaa’ii Idilee 2ffaa yeroo gaggeessetti Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Miseensota Mana Maree bakk bu’oota ummataarraa gaaffii ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Ministirri Muummee Nagaa fi tasgabbii ilaalchisuun yaadaa fi ibsa kennaniin Itiyoophiyaan Galaana Diimaa dhabuuf waggoota 30 isheetti fudhate gara Galaana Diimaatti deebi’uuf waggoota 30 biroo ishee hin barbaachisu jedhaniiru.
Dhimmi Galaana diimaa seera qabeessa, seenaa qabeessa, teessumma mijataa akkasumas gaaffii Dinagdee ta’uusaa ni amanna jechuun ibsaniiru.
Itiyoophiyaan Galaana Diimaa dhabuuf qabsoo waggoota 30 ol kan isheetti fudhate ta’uu kan yaadatan Ministirri Muummee, biyyittiin gara Galaana Diimatti deebi’uuf waggoota 30 ishee hin barbaachisu jedhaniiru.
Dhimma kana furuuf karaa tasgabbaa’ee fi mariin deemuun barbaachisaa ta’uu eeruun, hamma dhabuuf nuitti fudhate deebifachuuf nutti hin fudhatu jechuun cimsanii dubbataniiru.
Haalli Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa itti dhabde ummata Itiyoophiyaas ta’e kaabineen kan hin murteessine, bakka bu’oonni kan hin argine ta’uu eeruun, gaaffichi dhimma guddaa kana eenyu murteessee jedhanii gaafachuun seera qabeessa ta’uu hubachiisaniiru.
Haalli Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa itti dhabde bu’uura seeraa fi dhaabbataa kan hin qabne ta’uusaa ibsaniiru.