Lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 63 ta’an Inshuraansii fayyaa fayyadamaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 63 ta’an Inshuraansii fayyaa fayyadamaa jiru
Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 63 ta’an Inshuraansii fayyaa fayyadamaaakka jiran ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Walgahiin idilee lammaffaa bara hojii shanaffaa mana maree bakka bu’oota ummataa irratti miistirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa kennaniiru.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Fulbaana 26 bara 2018 walgahii waloo mana maree lamaaniirratti haasaa baniinsaa taasisan ilaalchisuun ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffii miseensota mana mreerraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Ministirri muummee ibsa taasisaniin akka jedhanitti, bu’ura misoomaa fayyaa Itiyoophiyaa keessatti babal’isuuf hojjetamaa jira.
Lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 63 ta’an inshuraansii fayyaa fayyadamaa akka jiran ibsaniiru.
Kunis lammiileen hedduun fayyadamaa tajaajila fayyaa akka ta’an gochuu ibsanii, hojiileen yeroo ammaa hojjetamaa jiran fuulduras ciminaan akka itti fufan dubbataniiru.
Dhiheessii qorichaa ilaalchisee qoricha biyya alaarraa galfamu hir’isuu fi oomisha biyya keessaan bakka buusuuf yaaliin taasifamaa akka jiru dubbataniiru.
Damee fayyaa bal’isuu fi fedhii tajaajila fayyaa ummataa guutuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Fakkeenyaaf Hoospitaalli qiddus Phaawuloosijaarsi bu’ura misoomaa siree kuma 1 qabu gochuusaa ibsanii, fuulduratti galteen barbaachisu guutameefii tajaajilaaf akka banamu ibsaniiru.