Hojiileen sirna haqaa fooyyessan cimanii itti ni fufu- ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen sirna haqaa fooyyessan cimanii itti ni fufu- ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Hojiileen sirna haqaa fooyyessan cimanii akka itti fufan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Walgahiin idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa 6ffaan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti gaggeeffameera.
Sirna haqaa ilaalchisuun gaaffii miseensota mana maree irraa ka’aniif ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa kennaniin, mootummaan sirna haqaa ammayyeessuu fi fooyyessuuf hojjechaa jira jedhaniiru.
Sirni haqaa bilisummaasaa akka eeguu fi sirna hojmaatasaa akka fooyyessu mootummaan hojiilee garagaraa kutannoon raawwachaa jiraachuu dubbataniiru.
Hanqina dandeettii damee kanarratti mul’atu furuuf dandeettii ogeeyyotaa gabbisuu fi hojmaata teeknooloojii hubachiisuuf hojiiwwan eegalaman kan jajjabeeffamanidha jedhaniiru.
Walumaa gala sirna haqaa fooyyessuuf fooyyessi hojmaataa manneen murtiin eegalaman guddaa kan jajjabeeffamanii fi cimanii kan itti fufan ta’uu ibsa isaaniitiin eeraniiru.