Tamsaasa Kallatti:

Bara bajataa kana baay’inni tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob 100’n gahuuf hojjetamaa jira – ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Bara bajataa kana baay’inni tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob 100’n gahuuf hojjetamaa akka jiru  ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.

Bu’aa bahii kenniinsa tajaajilaa irratti mul’atu hir’isuuf kan eegalame tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob sadarkaa biyyaatti bal’achaa jira jedhaniiru.

Yaadiin idilee lammaffaa bara hojii shanaffaa mana maree bakka bu’oota ummataa kan gaggeeffame yoo ta’u ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’ootarraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru.

Ministirri muummee riifoormii dhaabbatummaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, bu’aa bayii kenniinsa tajaajilaa hir’isuuf kan eegalame tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob sadarkaa biyyaatti bal’achaa jira.

Yeroo ammaa wiirtuuwwan 18 tajaajila kennaa akka jiran dubbatanii, wiirtuuwwan sadii ammoo yeroo dhihootti hojii eegalu jedhamee akka eegamu ibsaniiru.

Bara bajataa kana baay’ina kana 100’n gahuuf hojjetamaa akka jiru eeranii kunis kenniinsa tajaajilaarratti jijjiirama olaanaa akka fidu ni eegama jedhan ibsa kennaniin.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015