Tamsaasa Kallatti:

Filannoon biyyaalessaa Toorbaffaan yeroosaatti nigaggeeffama – ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Filannoon biyyaalessaa Toorbaffaan yeroosaatti akka gaggeeffamu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.

Walgahiin idilee lammaffaa bara hojii 5ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa bakka ministrri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti har’a gaggeeffameera.

Ministirri muummee  Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraa gaafatamaniif kennaniin, filannoon biyyaalessaa toorbaffaan filannoo biyyaalessaa jahaffaa caalaa kan fooyya’e ni ta’a jedhaniiru.

Filannoon biyyaalessaa toorbaffaan yeroosaatti akka gaggeeffami ibsanii, sagaleewwan filannoo caalaatti filmaata ta’an filannoo Kana keessa akka galan ni eegama jedhaniiru.

Kanaaf ammoo akka mootummaa fi paartiitti xiyyeeffannoon akka hojjetamu mirkaneessanii, kana raawwachiisuuf humni gahaan akka jiru dubbataniiru.

Mootummaan filannoo kana gaggeessuuf humnaa fi qophii gahaa qaba kan jedhan ministirri muummee, filannoon biyyaalessaa toorbaffaan filannoowwan amma har’aatti Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffaman caalaa fooyya’aa akka ta’u hin shakkamu jedhaniiru.

Filannichi demokiraatawaa fi sagaleewwan garagaraa hedduu akka qabaatu itti gaafatamummaan ni hojjenna jedhaniiru.

Nuyi akka paartiittis, akka mootummaattis qophoofneerra, paartileen morkattoottaas gamanumaa qophaa’uu qabu jedhaniiru.

Kanaaf paartileen siyaasaa hundi filannichatti hirmaachuuf gamanumaa akka qophaa’an waamicha taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015