Daandiin kiiloomeetirii kuma 26 fi 500 mootummaa federaalaan qofa ijaaramaa jira- Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Daandiin kiiloomeetirii kuma 26 fi 500 mootummaa federaalaan qofa ijaaramaa jira- Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Onkoloolessa 18/2018(TOI)-Daandiin kiiloomeetiriii kuma 26 fi 500 Mootummaa Feederaalaa qofaan ijaaramaa jiraachuu Ministirrri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa.
Manni maree bakka bu’oota ummataa bara hojii waggaa 5ffaa Yaa’ii Idilee 2ffaa kan gaggeesse yoo ta’u Ministirrri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffii fi yaadawwan Miseensota Mana Maree bakka bu’oota uummataarra ka’aniif deebii fi ibsa kennaa jiru.
Ministirrri Muummee hordoffii pirojektii ilalchisuun ibsa kennaniin, Itiyoophiyaa keessa pirojektoonni daandii 346 ijaarsarra jiraachuu eeruun daandiin kiiloomeetirii kuma 26fi 500 Mootummaa Federaalan qofaan ijaaramaa jira jedhaniiru.
Pirojektoota kana hunda haala walfakkaatuun hordofuun hojii baay’ee rakkisaa ta’uu eeruun, hidha ilaalchisuun baasii birrii biiliyoona 200 oliin pirojektoonni hidhaa gidduu galeessaa fi xiqqaan akka jiran ibsaniiru.
Mootummaan humna raawwachiisummaasaa guddisuun pirojektoota xumuruuf hojjechaa jira jechuun dubbataniiru.
Gargaaramuurraa adda bahu ilaalchisee gargaaramuun kaansarii humna hojjechuu nyaatudha jedhaniiru.
Sagantaa maaddii guutuu, hojii fuduraa fi Qamadii, kan hojjennu kutannoo gargaaramummaarraa bahuuf qabnudha kan jedhan yoo ta’u kanaafis cichinee gargaaramuun nu gaha jechuu qabna jedhaniiru.
Haata’u malee ni dandeenya kan jedhan Ministirri Muummee kun, gargaarsi dubbii hedduu of keessaa qaba, Itiyoophiyaa kadhattuu taassisuun dhaabbachuu qaba jedhan ibsasaaniin.
Guddina Dinagdee Itiyoophiyaa ilaalchisuun jijiiramni yaadama ilaalchaa Itiyoophiyaatti dhufe milkaa’inoota hedduu fideera jedhaniiru.
Itiyoophiyaan A.L.A bara 2032 Afriikaarraa 2ffaa bara 2036tti immoo Dinagdee Afriikaarraa 1ffaa akka ijaartu shakkii hin qabu jechuun ibsaniiru.