Hojiileen qulqullina barnootaa fooyyessanii fi dhaloota ijaaran hojjetamaa jiru – Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen qulqullina barnootaa fooyyessanii fi dhaloota ijaaran hojjetamaa jiru – Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Itiyoophiyaatti hojiileen qulqullina barnootaa fooyyessanii fi dhaloota ijaaran bal’inaan hojjetamaa akka jiran Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsann.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad har’a walgahii idilee lammaffaa bara hojii shanaffaa mana maree bakka bu’oota ummataa irratti argamuun gaaffilee fi yaada miseensota mana maree bakka bu’ootaarraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Ibsa kennaniin akka jedhanitti, qulqullina barnootaa eegsisuuf sadarkaa barumsaa gadiirraa eegaluun hojiileen dhaloota ijaaran hedduun hojjetamaa jiru.
Kanneen keessaa gochoota naannawa manneen barnootaa jeeqan qulqulleessuu akkasumas pirojektii barnoonni dhalootaaf jedhuun hojiileen garagaraa hojjetamuu dubbataniiru.
Qulqullina barusaa fiduuf leenjiiwwan dandeettii gabbisan garagaraa kennuun alatti barumsaa fi qorumsa kennuurratti jijjiiramni akka dhufu taasifamuu ibsaniiru.
Manneen barumsaattis bakkeewwan ispoortii fi bashannanaa ijaaruun dhaloota fayyaalessa ijaaruun eegalamuusaa dubbataniiru.
Bara barnootaa baranaas kitaaba barumsaa barnoota sadarkaa lammaffaa miiliyoona 43 caalu qoodamuusaa fi kunis qulqullina barumsaa fiduuf hojiilee hojjetaman keessaa ta’uu ibsaniiru.
Soorata barattootaa ilaalchisuun hojiilee hawaasa fayyadan dinqisiisoo hojjechuun Itiyoophiyaa namni hundi hawwu akka taatu hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.