Tamsaasa Kallatti:

Imaammanni dinagdeen Itiyoophiyaa qonnaan durfamuurraa gara damee hedduutti akka cehu bahe bu’a qabeessa ta’eera-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

 

Onkoloolessa 18/2017(TOI)- Imaammanni dinagdeen Itiyoophiyaa qonnaan durfamuurraa gara damee hedduutti akka cehu bahe guddaa bu’a qabeessa ta’uusaa Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.

Manni maree bakka bu’oota ummataa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti walgahii idilee 2ffaa gaggeessaa jira.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraa ka’aniif deebii kennaniin akka jedhanitti, mootummaan ummata waliin walitti hidhachuun misooma akka fidu kallattiin ifaa kan kaa’ame jijjiiramaa boodadha.

Fakkeenyaaf mootummaa fi ummanni walitti hidhachuun ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan biiliyoona 48 dhaabeera jedhaniiru.

Milkaa’ina kanaaf ammoo lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 25 ta’an dadhabe osoo hin jenne waggaa waggaan bahanii tolaan biqiltuu dhaabuusaanii ibsanii, Kunis qindoomina mootummaa fi ummataa qabatamatti kan agarsiise ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015