Daandiin qofeessi Itiyoophiyaa keessatti barbaachisu aangoo karaa nagaatiin darbudha-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Daandiin qofeessi Itiyoophiyaa keessatti barbaachisu aangoo karaa nagaatiin darbudha-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Onkoloolessa 18/2018(TOI)-Daandiin qofeessi Itiyoophiyaa keessatti barbaachisu aangoo karaa nagaatiin darbudha jechuun hubachiisan ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad.
Manni maree bakka bu’oota ummataa wal gahii idilee lammaffaa bara hojii shanaffaa gaggeesserratti ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffillee miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Ibsa kennaniin, daandiin qofeessi Itiyoophiyaa keessatti barbaachisu aangoo karaa nagaan darbudha jedhaniiru.
Biyyoonni guddina Itiyoophiyaa hin feene waraanaan akka nun mo’anne ni beeku, filmaanni qaban baandaa erguudha jechuun ibsan.
Maalummaa Itiyoophiyaa kan hin beekne Baandaan keessaa ammoo diinatti michuun kaayyoosaanii kan milkeessan itti fakkaata kun gonkumaa milkaa’uu hin danda’u jedhaniiru.
Daandiin qofeessi Itiyoophiyaa keessatti barbaachisu aangoo karaa nageenyaan darbudha kan jedhan ministirri muummee mootummaan qaamolee rakkoon jira jedhan waliin mari’achuun rakkoo jiru karaa nagaa furuuf ammallee balballisaa banaadha jedhaniiru.
Daandiin qofeessi Itiyoophiyaa keessatti barbaachisu aangoo karaa nagaan darbudha jechuun hubachiisan ministirri muummee.