Dhimmi galaana diimaa gaaffii seera qabeessa, seens qabeessa, teessuma lafaa fi dinagdeeti jenneetu amanna-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Dhimmi galaana diimaa gaaffii seera qabeessa, seens qabeessa, teessuma lafaa fi dinagdeeti jenneetu amanna-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Dhimmi galaana diimaa gaaffii seera qabeessa, seens qabeessa, teessuma lafaa fi dinagdeeti jenneetu amanna jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad.
Barri hojii 5ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa kan gaggeeffame yoo ta’u ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota mana mareerraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Galaana diimaa ilaalchisuun ibsa kennaniin dhimmi galaana gaaffii seera qabeessa, seena qabeessaa, teessuma lafaa fi gaaffii dinagdeeti jenneetu amanna jedhaniiru.
Dhimma kana tasgabbiin ilaaluu barbaachisa kan jedhan ministirri muummee murtoo Itiyoophiyaan galaana diimaa akka dhabdu eenyu dabarse jennee yoo barbaannu dhaabbileen keessa hin galle jedhaniiru.
Dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ammana gahu kana eebyu akka murteesse gaafachuun sirrii ta’uu eeranii, Itiyoophiyaan itti cufamee jiraachuu hin dandeessu jechuun ibsaniiru.
Olloota keenyatti himuu waanti barbaannu Itiyoophiyaan yeroo guddattu misooma riijinichaaf madda taati, waan barbaannu waliin guddachuudha jedhan ibsa kennaniin.