Bara baajataa darbe dameen Industirii guddina dhibbentaa 13 galmeesseerra - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Bara baajataa darbe dameen Industirii guddina dhibbentaa 13 galmeesseerra - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Onkoloolessa18/2018(TOI)- Bara baajataa darbe dameen Industirii guddina dhibbentaa 13 galmeessisuusaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Miseensota Mana Maree bakka bu’uuta ummataarraa gaaffii fi yaada ka’aniif deebii fi ibsa kennaa jiru.
Deebiisaaniin, dameen Idustirii dhibbentaa 13 guddina argisiisuu beeksisaniiru.
Guddina GDP bara darbee keessatti gaheen Industirii dhibbantaa 3 tuqaa7 akka ture ibsaniiru.
Damee Albuudaan guddinni Abdachiisaan kan itti argame ta’uu eeruun, kanaanis guddina GDP keessatti qooda tureen milkaa’inni guddaan argamuu ibsaniiru.
Ammaan dura guddinni damee Industirii yeroo ka’u dameen ijaarsaa jalqabarratti ka’aa akka ture yaadachuun, yeroo ammaa Manufakcharingii fi damee Albuudaan jijiiramni guddaan argamuu beeksisaniiru.
Gama biroon dameen tajaajilaa qooda GDP qabaachaa ture dhibbentaa 3 tuqaa 1 irraa gara 7 tuqaa 5 guddachuu dubbataniiru.
Walii gala gudinni bara darbee yeroo madaalamu guddina fooyya’a ta’uu kan eeran ministirri muummee kun waggaa kana guddinichi gara dijiitii lamaatti akka galu mirkaneessaniiru.