Tamsaasa Kallatti:

Barri baajataa darbe Itiyoophiyaan Seenaashee keessatti galii guddaa kan itti galchitedha-Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad

Onkoloolessa18/2018(TOI)-Barri baajataa darbee Itiyoophiyaan Seenaashee keessatti galii guddaa kan itti galchite ta’uu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan.

Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii waggaa 5ffaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti yaa’ii Idilee 2ffaa gaggeessaa jira.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad gaffii fi yaadawwan miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaa jiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Galii ilaalchisuun gaaffii ka’aniif deebii fi ibsa kennaniin barri baajataa darbe Itiyoophiyaan seenaashee keessatti galii guddaa kan itti galchitedha jedhaniiru.

Fakkeenyaaf Daldala Al-ergee shaqaxaarraa doolaarri biiliyoona 8 tuqaa 3 argamuu eeraniiru.

Akkasumas Remitaansiirraa galiin birrii biiliyoona 7 tuqaa 4 argamuusaa fi galii omisha kan biyya keessaan bakka buusuun doolaara biiliyoonaan lakkaa’amu olchuun danda’ameera jedhaniiru.

Ministirri muummee ibsa isaaniin riizarviin Itiyoophiyaa dachaa 10 guddateera jechuun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015