Tamsaasa Kallatti:

Ulaagaa kamiinuu riifoormiin dinagdee Itiyoophiyaa hatattamaan jijjiirama olaanaa galmeessisuu danda’eera-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Ulaagaa hundaanuu riifoormiin dinagdee Itiyoophiyaa hatattamaan jijjiirama olaanaa galmeessisuu danda’eera jechuun beeksisan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii 5ffaan bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti walgahii idilee 2ffaa gaggeessaa jira.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee fi yaada miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaa jiru.

Qonna ilaalchisuun gaaffii ka’aniif deebii fi ibsa kennaniin riifoormiin dinagdee Itiyoophiyaa ulaagaa hundumaanuu guddina olaanaa hatattamaan galmeesseera jedhaniiru.

Qonni qofaasaatti guddina dhibbantaa 7 tuqaa 3 galmeessisuusaa fakkeenya kaasaniiru.

Sadarkaa oomishaattis Ruuziin bakka ture kuntaala miiliyoona 1 tuqaa 5 irraa gara kuntaala miiliyoona 63tti guddisuun kan danda’ame yoo ta’u Qamadii jijjiiramaan dura bakka ture kuntaala miiliyoona 47 irraa yeroo gabaabaa keessatti gara kuntaala miiliyoona 280tti guddifneerra jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015