Tamsaasa Kallatti:

Xiyyeeffannoo Mootummaan kenneen al-seerummaan paarkii biyyoolessa Awwaashirratti  ga’aa turan hir’ataniiru

Onkoloolessa 18/2018(TOI)-Xiyyeeffannoo addaa  Mootummaan kenneen rakkoowwan dheedicha gadhisii fi Al-seerummaa biroon paarkii biyyoolessaa Awwaash irratti uumamaa turan  hir’achuusaanii waajjirri paarkichaa beeksiseera.

Itti gaafatamaan waajjirichaa Adam Mahaammad TOI waliin turtii taassisaaniin akka ibsanitti, paarkichi dheedicha seeraan alaaf, bineesonnis Adamoo seeraan alaa fi biqiltuu nyaatan dhabuun balaarra akka ture dubbataniiru.

Mootummaan jijiiramaa xiyyeeffannoo adda kenneen bineensota bosonaa paarkicha keessatti argaman bakki hormaataa fi jireenyaa isaanii tuttuqaa namaa fi bineensota manaarraa bilisa  akka ta’u paarkichatti  kutaa bahaa fi dhihaan dallaa shiboon ijaaruu ibsaniiru.

Haaluma wal-fakkaatuun to’annoof akka toluuf daandiin km 50 kan dheeratu hojjetamuu  kaasaniiru.

Daallaan paarkichaa ijaaramuun jiraachuu paarkichaa eegeera kan jedhan hogganaan kun  fakkeenyaaf Adamoo seeraan Alaa, dhiibbaa bineensota Manaa, Mancaatii Bosonaa, Marga haamuu akkasumas dheedichi gadhiisiin hir’achuu mirkaneessaniiru.

Dabalataanis ammaan dhura dhiibbaawwan paarkicharra ga’aa turaniin bineensonni paarkicha keessaa baqachaa turan yeroo amma tasgabbaa’anii jiraachuu fi lakkoofsisaanii dabalaa dhufuu kaasaniiru.

Abbaa Ikooloojii  kan ta’e Paarkiin Awwaasha, Saalaahii, Borofa Dirree, Gadamsa, Jaldeessa, leenca, Bosonuu fi kanneen biroo akkasumas laga Awwaash keessa Azoon, roobii fi  kanneen biroon akka jiran ibsaniiru.

Xiyyeeffannoo mootumman kennen bu’aa qabatamaan argamuusaanii hubachiisuun, fuuldurattis paarkichi misoomaa fi daawwattootaaf  mijataa taassisuuf  hojii cimaa akka barbaachisu  hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015