Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad har’a Miseensota Mana Maree bakka bu’oota uummataarra gaaffiwwan ka’aniif deebii fi ibsa ni kennu - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad har’a Miseensota Mana Maree bakka bu’oota uummataarra gaaffiwwan ka’aniif deebii fi ibsa ni kennu
Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad guyyaa har’a Miseensota Mana Maree bakka bu’oota uummataarraa yaadaa fi gaaffiwwan ka’aniif deebii fi ibsa ni kennu
Manni maree bakka bu’oota uummataa 6ffaa bara hojii waggaa 5ffaa har’a Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad bakka argamanitti yaa’ii idilee 2ffaa ni gaggeessa .
Ya’ii Kanaan pirezidaanti TaayyeeAtsiqesillaasee Fulbaana 26 bara 2018 haasaa banninsaa waloo mana maree lamaaniif taassisan ilaalchisuun gaaffiiwwan Miseensota Mana Maree bakka bu’oota uummataarra dhihaatan irratti Ministirri Muummee deebii fi ibsa ni kennu.
Kana hordofuun manni marichaa ejjennoo Mootummaa dhageeffachuun mooshinii deeggaarsaasaa ni raggaassisa jedhamii ni eeggama.
Yaa’icharratti Ambaasadderoonni biyyoota adda addaa Magaalaa Finfinnee jiraatan, waamatoonni dhaabbilee Idil-Addunyaa, Abbootiin Amantii, miseenonni Partiilee Morkattootaa fi keessummoonni waamichi taassifameef akka hirmaatan manni marichi beeksiseera.