Atileet Yoomiif Qajeelchaa fi Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtoota Atileetiksii cimaa kan waggaa keessa galan - ENA Afaan Oromoo
Atileet Yoomiif Qajeelchaa fi Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtoota Atileetiksii cimaa kan waggaa keessa galan
Onkoloolessa 17/2018 (TOI)- Atileet Yoomiif Qajeelchaa fi Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtoota Atileetiksii cimaa addunyaa kan waggaa keessa galaniiru.
Atileetiksiin addunyaa kaadhimamtoota atileetiksii cimoo damee garagaraa ifoomsaa jira.
Qaamni olaanaa Atileetiksii odeeffannoo har’a baaseen dhiiraan atileet Yooomiif Qajeelchaa fi dubartootaan atileet Tigist Asaffaa maqaa kaadhimamtoota cimoo addunyaa Istaadiyeemiin alaa keessa galuusaanii beksiseera.
Lammiin Taanzaaniyaa Alfonsi Siimbuu,lammiin Keeniyaa Sabaastiyaan Saawwee, lammiin Biraazil Kaayoo Boonfiim fi lammiin Kaanaadaa Iivan Danfii atileetota dhiiraan kaadhimamanidha.
Dhalootaa Itiyoophiyaa lammummaan Nezerland kan taate Siifan Hasan, lammiin Keeniyaa Peereez Jepchiirchiir fi Agines Nigetiich akkasumas lammiin Ispeen Maariyaa Peereez damee dubartootaan kaadhimamaniiru.
Sagaleen atileetii filatamaa addunyaa Istaadiyeemiin alaaf kennamu har’a kan eegalame yoo ta’u, amma Onkoloolessa 23 bara 2018tti akka turu atileetiksiin addunyaa beeksiseera.
Sagalee kennuu ilaalchisee manni maree ogeeyyota atileetiksii addunyaa dhibbantaa 75 akkasumas miseensonni maatii atileetiksii addunyaa fi sagaleen ummataa qooda dhibbantaa 25 akka qabu ibseera.
Manni marichaa fi miseensonni maatii atileetiksii karaa imeelii sagalee kan kennan yoo ta’u jaalattoonni atileetiksii biroon karaa marsariitii hawaasummaa atileetiksii addunyaa kennuu akka danda’an eerameera.
Badhaafni atileetota ciccimoo addunyaa bara 2025 Sadaasa 21 bara 2018 Moonaakootti ni gaggeeffama.