Tamsaasa Kallatti:

Bakkeewwan turizimii haaraan guddina damichaaf carraa dabalataa fqabatanii dhufaniiru

Onkoloolessa 17/2018(TOI)-Bakkeewwan turizimii Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin

saaqamanii mul’atan haaraa guddina damichaaf carraa dabalataa fidanii dhufuusaanii dhaabbileen daawwachiiftotaa TOI’n dubbise dubbatan.

Fooyyessi dinagdee mandhalee Itiyoophiyaan hojiirra oole jijjiirama mul’atu hedduu galmeessisaa jira.

Haala Kanaan utubaawwan dingdee ijoo shan adda baafaman keessaa dameen turizimii isa tokkodha.

Haala Kanaan bakkeewwan turizimii Finfinneetti paarkii tokkummaa, michoomaa fi Inxooxxoo akkasumas naannolee garagaraatti Wancii, Gorgoraa, Cabaraa Curcuraa fi Koyishaa kan fakkaatan misoomuun tajaajilaaf oolaniiru.

Haroon Nigaat hidha haaromsaan dhugoomee fi Baaleetti holqa Soof Umar dabalatee qabeenyi bakkeewwan garagaraatti dhokatanii turan akka misooman gochuurratti argama.

Dhaabbileen daawwachiiftotaa TOI’’n dhimma kanarratti dubbise akka jedhanitti, ijaarsi bu’ura misoomaa damee Kanaan raawwatamaa jiru guddina turizimii fi qooda fudhattootaaf carraa guddaa fidanii dhufuusaanii dubbataniiru.

Misoomni turizimii dhaabbilee daawwachiiftotaa dadammaqsuurra darbee baay’inni daawwachiiftotaa akka dabalu gochuusaa dubbataniiru.

Pirezidaantiin waldaa ogeeyyota daawwachiiftota turistii Itiyoophiyaa obbo Ashannaafii Silashii bu’uraaleen misoomaa ijaaraman daawwattoonni filmaata addaddaa fayyadamuun bakka barbaadan akka daawwatanii fi galii damicharraa argamu akka dabalu gochuu eeraniiru.

Bakkeewwan turizimii haaraan ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin saaqaman hawattoota turizimii biyyattiitti argaman bal’inaan beeksisuuf carraa kan uumu ta’uu dubbataniiiru.

Itti aanaan pirezidaantii waldaa dhaabbilee daawwachiiftotaa Itiyoophiyaa guddichaa obbo Inquu Mulugeetaa gamasaaniin, bu’urri misoomaa Turizimii babal’achuunsaa baay’inni turizimii akka dabalu gochuun alatti ogeeyyota damichaaf humna dabalataa uumuusaa ibsaniiru.

Abbaan qabeenya Eden Laandi tuur endi tiraavil obbo Indaalkaachoo Yemirruu, xiyyeeffannoon damee turizimiif kenname bakkeewwan turizimii filannoof ta’u akka babal’atu carraa uumuusaa dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015