Tamsaasa Kallatti:

Misoomni Koriidaraa Fayyadamummaa Lammiilee Mirkaneessuun milkaa’inni Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf bu’uura kaa’u kan itti galmaa’edha

Onkoloolessa17/2018(TOI)-Misoomni koriideraa Magaalaa Finfinnee Fayyadamummaa lammiilee Mirkaneessuun milkaa’inni Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf bu’uura kaa’u kan itti galmaa’e ta’uu kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Magaalaa Finfinnee akka maqaashee Miidhagduu gochuuf hojii misooma koriidaraa eegalaman irratti qaamolee hirmaataniif sagantaan galateeffannaa gaggeeffameera.


 

Adda baabaayii Masqalaatii Magganaanyaa saawuzgeet, boolee vi ayipii Gooroo gidduugala konveenshinii Idil-Addunyaa Addis, Gooroo Anbassaa Gaaraajii fi Saarbeet Addabaabaayii Jarman, Haayilee Gaarmentii hanga furiitti hojiin dinqisiisaan akka raawwatamuu jiraattota magaalichaa taassisaan,Injiinaroota, Gorsitoota, Hoggantoota hojii Mootummaa fi ogeeyyiin galateeffamaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee wayita kana akka jedhanitti, Qaamolee Misoomaa fi Miidhagina Magaalittiirratti hirmaatan hundaa galateeffataniiru.

Bu’aawwan Misoma koriidaraa Magaalaa Finfinneetti galmaa’an fakkeenyummaa badhaadhina Magaalummaashee haala guutuu ta’een hojjetamuuf humna dandeessisu ijaaruusheef agarsiistuu ta’uu ibsaniiru.

Misoomni koriidara fayyadamummaa lammiilee mirkneessuunbadhaadhina biyyaaf milkaa’inni bu’uura kaa’u kan itti galmaa’e ta’uu kaasaniiru.

Milkaa’ina kanaaf immoo Maallaqa caalaa ummataa fi biyyasaanii misoomsuun dursanii hojicha saffisaa fi qulqullinaan akka hojjetamuuf kontiraaktaroota, gorsitoota, kutaa hawaasa adda addaa fi tola ooltotaaf galanni ni malaaf jedhaniiru.

Itiyoophiyaa misoomsuun gara badhaadhina barbaadamutti ceessisuuf tumsi bu’uura guddaa ta’uu ibsuun, wal tumsuu fi waliif yaaduun mul’ata badhaadhina eegalamee dhugoomsuu dandeessisa jedhaniiru.

Bal’ina magaalaa Finfinnee fi hanga ishee madaaluun tumsichi kanaa ol cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

Bifa Magaalaa Finfinnee jijiiruuf hiika guddaa akka qabu eeruun Magaalittiin Agarsiistuu Itiyoophiyaa, safartuu fi calaqqee ta’uushee argisiisa jedhaniiru.


 

Misoomni Koriidaraa Magaalittii hojiiwwan naannoolee birootti eegalamaniif muuxannoo akka ta’u eeruun, milka’inichi baraa baratti dhalootatti kan darbu ta’uusaa ibsaniiru.

Misoomni koriidraa lammiilee hedduu fi waldaaleef carraa hojii kan uumee, bakka bashannanaa guddaa kan ta’ee fi Magaalaa Finfinnee Magaala miidhagduu ta’uushee qabatamaan kan argisiisedha jechuun dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015