Maddi anniisaa Koyishaa anniisaa walii gala Itiyoophiyaa irratti jijjiirama qabatamaa kan fidudha - ENA Afaan Oromoo
Maddi anniisaa Koyishaa anniisaa walii gala Itiyoophiyaa irratti jijjiirama qabatamaa kan fidudha
Onkoloolessa 17/2018(TOI)-Maddi Anniisaa Koyishaa meeggaa waattii 1800 maddisiisuuf humna kan qabu fedhii anniisaa walii gala Itiyoophiyaa irratti jijiirama hiika qabu kan fidu ta’uu wajjiri Ministira Muummee ibse.
Pirojektichi fedhii Annisaa Itiyoophiyaatti dabalaa dhufe deebii kennuuf haala dandeessisuun waggaatti humna ibsaa giiggaa waattii 6,344 maddisiisa jechuun beeksisaniiru.
Waajjirichi ergaa Fuula miidiyaa hawaasaan dabarseen Pirojektichi Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaatti Suluula Laga Oomoo gara gadiitti Madda Annisaa Gibee 3ffaa irraa fageenya KM 129 fageenya dhihoo mandara koyishaatti argama jedhaniiru.
Maddi Anniisa Kooyishaa Annisaa Meeggaa waattii 1800 maddisiisuu danda’u annisaa Itiyoophiyaarratti jijiirama hiika qabu fida jechuun ibsaniiru.
Pirojektiin madda Aannisaa Koyishaa Babal’ina madda aannisaarra darbee Anisaa qulqulluu, Amansiisaa fi Annisaa humna fayyadamtoota tilmaama keessa galche dhiheessu, fedhii guddaa Itiyoophiyaan Afriikaa Bahaatti jiddugala daldala alaa elektiriikii ta’uuf qabdu milkeessuuf kan deeggarudha jedheera.
Biyya keessatti dhiheessii elektiriikaa baadiya haala deeggaruun mana jireenyaa fi hojii daldala gidduugaleessaatti dhiheessii elektiriikaa guddisa jedheera.
Kunis jireenya Hawaasummaa fi diinagdee kan dadammaksu, haala jireenyaa fooyy’aa kan uumu akkasumas hawaasa naannichaa guddina fulla’aa akka deeggaru ni eeggama jechuun beeksiseera.