Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad guyyaa boruu gaaffilee miseensota mana mareerraa ka’aniif deebii fi ibsa ni kennu - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad guyyaa boruu gaaffilee miseensota mana mareerraa ka’aniif deebii fi ibsa ni kennu
Onkoloolessa 17/2018(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad guyyaa boruu gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraagaafatamaniif deebii fi ibsa ni kennu.
Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaan bara hojii 5ffaa boru boru taa’uun akka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti walgahii idilee lammaffaa ni taa’a.
Walgahii idilee Kanaan haasawa baniinsaa pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Fulbaana 26 bara 2018 walgahii waloo mana maree lamaaniif taasisan ilaalchisee gaaffilee miseensota mana mareerraa dhihaataniif ministirri muummee deebii fi ibsa nitaasisu.
Manni marichaa kana hordofuun ejjennoo mootummaa dhaggeeffachuun mooshinii deeggarsaa niraggaasa jedhameetu eegama.
Ambaasaaddaroonnii fi itti waamamtoonni dhaabbilee idil addunyaa Finfinneetti argaman, abbootiin amantaa fi jaaesoliin biyyaa, itti waamamtoonni paartii dorgomtootaa fi keessummoonni waamaman biroon walgahiin idilee mana maree guyyaa kana gaggeeffamu irratti akka argaman eerameera.
Adeemsi walgahichaa guutummaansaa tamsaasa kallattiin ummataaf akka darbu manni marichaa beeksiseera.