Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanichi ummattoonni aadaasaanii addababayiitti akka ibsatanii fi beeksifatan gochuuf qooda olaanaa qaba

Onkoloolessa 16/2018 (TOI)-Ayyaanni guyyaa saboota sablammootaa fi ummattootaa  ummattoonni aadaasaanii addababayiitti akka ibsatanii fi beeksifatan gochuuf qooda olaanaa akka qabu manni maree federeeshinii ibse.

Waltajjiin ayyaana guyyaa saboota sablammootaa fi ummattootaa baranaa qopheessummaa naannoo jiddugaleessa Itiyoophiyaan kabajammu ilaalchisuun sanadoota qophaa’anirratti kan xiyyeeffatee fi qooda fudhattoonni naannolee hundarraa baba’an irratti hirmaatan magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti kan argaman hoogganaan waajjira mana maree federeeshinii obbo Tigluu Mallasaa akka ibsanitti, ayyaanicha wagga waggaan kabajuun cinaatti barsiisa federaalizimii fi heera mootummaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Lammiileen dhimma biyyaarratti hubannoo wal fakkaataa akka qabaatan akkasumas tokkummaa fi waloomani ummataa akka cimu gochuun bu’aan argamuu ibsaniiru.

Waltajjiin har’aas sanadoota barsiisa federaalizimii fi heera mootummaa hubachiisuuf qophaa’erratti iftooma uumuu fi hojiilee hubannoo uumuu sadarkaan hojjetaman milkeessuuf kan akeekamedha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015