Adeemsi Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde kan nama gaabbisiisudha - ENA Afaan Oromoo
Adeemsi Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde kan nama gaabbisiisudha
Onkoloolessa 16/2018 (TOI)-Adeemsi Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde kan nama gaabbisiisu ta’uu barsiiftonni ibsa.
Bara dheeraaf ulaa galaanaa ofiishee kan qabdu Itiyoophiyaan galaanatti dhoo jirtus yeroo dhihoo asitti ulaa galaanaa dhabdee biyya ulaan itti cufame taateetti.
Mootummaan Itiyoophiyaa ulaa galaanaa argachuun dhimma jiraachuu ta’uu cimsee amanuun ejjennoo qabatee gama dippilomaasiitiin xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa jiraachuun isaa nibeekama.
Barsiiftonni kolleejii barsiisotaa Adoolaa TOI’n dhimma kanarratti dubbise, akkaataan Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde kan nama gaabbisiisu ta’uu kaasaniiru.
Gaaffii ulaa galaanaa argachuu gaaffii Itiyoophiyaanota hundaa bara dheeraa ta’e kanaaf lammiin hundi tumsuu akka qabu barsiiftonni ibsaniiru.
Diiniin bulchiinsa ijaarsa qabeenya namaa Kolleejichaa Kibrawarq Alamaayyoo, gaaffiin ulaa galaanaa dhimma jiraachuu malee gaaffii qananii miti jedhaniiru.
Itiyoophiyaanonni akkuma hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha wal taanee xumurre tattaaffii mootummaan ulaa galaanaa karaa dippilomaasii argachuuf taasisu lammiin hundi deeggaruu qaba jedhaniiru.
Mootummaan qajeelfama marii kennanii fudhachuun Itiyoophiyaa abba ulaa galaanaa gochuuf haalli itti deemaa jiru akka isa galateeffachiisu ibsaniiru.
Nageenyii fi misoomni biyya tokkoo biyyoota olla biroof kan fayyadu waan ta’eef biyyoonni biroo fedhii misoomuu fi gaaffilee bu’uraa Itiyoophiyaa fudhachuu qabu jedhaniiru,
Kolleejichatti barsiisaan karooraa fi bulchiinsa barnootaa Wandimmuu Asfaawu, Itiyoophiyaan mirga ulaa galaanaa argachuuf qabdu dhugoomsuuf sochii taasiftu lammiinshee biyya keessas ta’e biyya alaa jiraatan hundi hawaasa addunyaaf sagalee dhageessisuu qabu jedhaniiru.
Ulaa galaanaa argachuun nagaa, misoomaa fi guddinaaf faayidaa guddaa qabaachuu dubbataniiru.
Dhiibbaa dippilomaasiitiin hawaasa addunyaa amansiisuuf ulaa galaanaa akka argattuhuni keenya biyya keenyaaf sagalee fi ambaasaaddara ta’uu qabna jechuun dubbataniiru.
Kolleejichatti barsiisaan barnootaa fi bulchiinsa karooraa Leellisaa Eebbisaa gamasaaniin, guddummaa dippilomaasii Itiyoophiyaa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha irratti eegalame ulaa galaanaan ni dabalama jedhaniiru.
Waggaa soddomaaf ulaan galaanaa waan hin jirreef Itiyoophiyaan dhiibbaa hawaasummaa fi dinagdee guddaa keessa turuushee kaasaniiru.
Gaaffii ulaa galaanaa mariin furuuf hojiileen mootummaan itti jiru akka dhugooman qoodasaanii akka bahan mirkaneessaniiru.
Akkuma hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa hirmaannaa ummataan dhugoome dhaloonni ammaa ulaa galaanaa argachuuf irree waloomeen seenaa biraa akka hojjetu abdii qaban ibsaniiru.