Tamsaasa Kallatti:

Shamattoonni gabaa Sanbataa fi Dilbataarraa gatii madaalawaan nibitatu

Onkoloolessa 15/2018(TOI)- Shamattoonni gabaa Sanbataa fi Dilbataarraa gatii madaalawaan bitachaa akka jiran shamattoonni TOI’f yaada kennan dubbatan.

Gabaan Sanbataa fi Dilbataa qaala’insa gatii ittisuu fi gabaa tasgabbeessuuf qooda guddaa bahaa jiru.

Oomishoonni qonnaa fi industirii kallattiin oomishtootrraa shamataaf dhihaachaa jiru.

Kun ammoo shamataan oomisha barbaadu salphaatti akka argatu carraa ni uuma.

TOI’n bakka addaddaatti gabaa Sanbataa fi Dilbataarra deemuun kana qulqulleesseera.

Kanneen gabaaSanbataa fi Dilbataarraa bitachaa jiran keessaa tokko Maartaa Daamxooti.

Isaanis akka jedhanitti, oomishaaleen gabaa Sanbataa fi Dilbataa irratti dhihaatan edhii fi humna bitachuuf danda’uu shamataa kan bu’uureffatanidha.

Namni yaada kenne biroon Taammiruu Ayyaanaa gabaan Sanbataa fi Dilbataa oomisha qonnaa fi Industirii gatii madaalawaan argachuuf carraa akka uumeef ibsanii, gabaan kun bakka hundatti babal’acuu akka qabu eeraniiru.

Gabaan Sanbataa fi Dilbataa oomishaalee bu’uraa gatii madaalawaan akka argatan akka isaan gargaare kan dubbatan ammoo Habtaamuu Aggonaafir jedhamu.

Daldaltoonni gamasaaniin, oomishaalee bu’uraa qulqullina qaban akkasumas gatii madaalawaan shamataaf gatii madaalawaan dhiheessaa akka jiran ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015