Tamsaasa Kallatti:

Pirojektoonni biyyaalessaa egeree fooyya’e uumuuf kan gargaaranidha

Onkoloolessa 15/2018 (TOI) Pirojektoonni biyyaalessaa kanneen akka Koyishaa egeree fooyya’e uumuuf bu’ura kan uumanidha jedhan ministirri nageenyaa Mahaammad Idriis.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gamaaggama raawwii dinagdee gooroo guyyoota 100 bara bajataa 2018 ilaalchisuun hidha Kooyishaatti ministiroota waliin mari’ataniiru.

Ministirri nageenyaa Mahaammad Idriis wayita kana akka jedhanitti, hidhi Kooyishaa fi pirojektoonni biroo ijaarsa biyyaa kan cimsanii fi hubannaa gaggeessummaa fageessanii ilaaluu kanagarsiisan ta’uu dubbataniiru.

Pirojektoonni biyyaalessaa kunneen bu’ura har’aa uumuun dhaloota boruuf yaaduun hojii hojjetamaa jiran ta’uu ibsaniiru.

Cabiinsa turan suphuun fi irra deebiin caalchisuun hojjechuun danda’uu kan agarsiisanidha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015