Tamsaasa Kallatti:

Hojiin misooma kooriidaraa bifa magaalattii jijjiiruun gamatti lammiileef haala jireenya gaarii uumaa jira-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Onkoloolessa 15/2018(TOI)- Hojiin misooma kooriidaraa bifa magaalattii jijjiiruurra darbee lammiileef haala jireenya gaarii uumaa akka jiru Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.

Ministirri muummee Dr . Abiyyi Ahimad miseensota hojii raawwachiisaa paartii badhaadhinaa waliin ta’uun hojiinsaa kan xumurame misooma kooriidaraa Saar beet-Adda babayii Jarman-Gaarmanti fi naannawa Furii daawwataniiru.

Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa hojiin misooma kooriidarii Finfinneef bifa dabalataa fi miidhagina ta’uufii ibsaniiru.

Hojiin kun sochii tiraafikaa mijeessuun, daandii lafoo mijeessuun fi Suuqiiwwan ijaaraman lammiileef carraa hojii kan uuman ta’uu dubbataniiru.

Dirreewwan ispoortii 20 ol kooriidaricha keessatti argaman Ispoortii guddisuu fi dhaloota qaruuf qoodasaanii akka bahan dubbataniiru.

Jiraataan magaalaa haala jireenyaa mijataa ta’e akka jiraatu carraa gaarii uumuusaa itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsaniiru.

Paartiin badhaadhinaa gadii kaasee dhalootarratti hojjechaa jiraachuusaa ifatti kan itti mul’ate akka ta’es dubbataniiru.

Hojiin misooma kooriidaraa daandii ijaaruu fi miidhagsuun gamatti bifa magaalattii jijjiiruuf galma qabaachuusaa eeranii, Finfinneerra darbee kutaa biyyattii baadiyyaatti bal’achaa akka jiru dabalanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015