Misoomni kooriidaraa fayyadama haqa qabeessa lammiilee kna mirkaneessee fi jecha gochatti kan jijjiiredha-Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Misoomni kooriidaraa fayyadama haqa qabeessa lammiilee kna mirkaneessee fi jecha gochatti kan jijjiiredha-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Onkoloolessa 15/2018(TOI)-Misoomni kooriidaraa Saar beet-addababayii Jarman-Gaarmanti fi naannawa Furii hunda kan hammataa fi fayyadama haqa qabeessa lammiilee mirkaneessuun jecha gochatti kan jijjiiredha jechuun ibsan kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad miseensota hojii raawwachiisaa paartii badhaadhinaa waliin ta’uun misooma kooriidaraa Saar beet-addababayii Jarman-Gaarmanti fi naannawa Furii hojiinsaa xumurame daawwataniiru.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee misoomicha ilaalchisuun ibsa taasisaniin, misooma kooriidaraa Saar beet-addababayii Jarman-Gaarmanti fi naannawa Furii hojiilee misooma kooriidaraa marsaa lammaffaan Finfinneetti hojjetaman keessaa tokkodha.
Misoomni Kooriidarii kun bu’ura daandiin alatti hojiilee deebisanii dhaabuu magaalaa hedduu kan ofkeessaa qabu ta’uu eeraniiru.
Lammiileen misooma kooriidaraa Kanaan carraa hojii akka fayyadaman tattaaffiin godhamuu dubbatanii, kanaafis suuqiiwwan kuma 1 fi 100 qaama misooma kooriidarii ta’uun ijaaramuusaanii ibsaniiru.
Kunis misoomni kun fayyadama haqa qabeessaa lammiilee gochaan kan mirkaneessedha jedhasniiru.
Akka ijootti jiraataa naannawaaf qofa osoo hintaane lammiilee magaalatti fayyadamaa gochuu kan danda’u dirreewwan Ispoortii fi bakkeewwan daa’imni itti taphatan ijaaramuusaanii ibsaniiru.
Ijaarsa manneen qulqullinaa 40 sadarkaasaanii eeggatan kan qaama Itiyoophiyaa qulqulluu ta’an dabalatee hojiileen qarqara lagaa km shan tuqaa lama misooma kooriidaraa kana keessa galchuun danda’ameera jedhaniiru.