Tamsaasa Kallatti:

Qaama kamiyyuu kabajaa fi  Birmadummaa Itiyoophiyaa sarbuuf dhufuuf Raayyaan Obsa hin qabu- Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa

Onkoloolessa 15/2018(TOI)-Kabajaa fi Birmadummaa  Itiyoophiyaa  sarbuuf  Qaama dhufu  kamiifiyyuu Raayyaan Obsa hin qabu jechuun ibsan Raayyaa Ittisa Biyyaatti  Ajaajaa Olaanaa izzii duulota addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa.

Mataduree “ biyya hin sarbamne raayyaa hin raafamne” jedhuun  guyyaan raayyaa ittisa 118ffaan  Magaalaa Dabra Biraanitti miseensonni raayyaa fi qondaaltonni olaanoonii fi keessummoonni waamichi taassifameef bakka argamanitti kabajameera.

Saganticharratti kan argaman Raayyaa Ittisa Biyyaatti  Ajaajaa Olaanaa izzii duulota addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa,  Diinonni Itiyoophiyaa fi baandaawwan yeroo ammaa kallattii adda addaan Itiyoophiyaa qoruuf tattaafachaa jiru jedhaniiru.

Kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa durii hanga har’aatti gootummaa ijoolleesheen kabajamee kan turte ta’uushee kaasuun, yeroo ammaa raayya cimaa kabajaa fi birmadummaasheef dhaabatu ijaaramuu dubbataniiru.

Raayyaan ittisa biyyaa kan Itiyophiyaanonni itti boonanii fi dahannoo ta’uu ibsuun, kabaja biyyaa fi Alaabaaf jedhee goota duubatti hin deebine, cimaa fi teekinoolojii ammayyaan kan deeggaramu jiraachuu  dubbataniiru.

Haata’u malee kabajaa fi birmadunmmaa Itiyoophiyaa sarbuuf qaama dhufu kamifiyyuu  obsa hin qabu jedhaniiru.

Naannoo Ammaaraatti Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa Makaashaa Alamaayyoo akka jedhanitti,  gootummaa fi gahumsa raayyaa keenyaa  Itiyoophiyaarra darbee biyyoota birootiin kan mirkanaa’eef ta’uu fi gita Kanaan kabaja fi  beekmtii  kennuufii qabna  jedhaniiru.

 Dursaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Dabra Biraan  Baddiluu wubisheet  gamasaaniin, raayyaa sab-daneessaa cimaa Itiyoophiyaa fakkaatu ijaaramuunsaa hunda keeny boonseera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015