Tamsaasa Kallatti:

Waan biyyaaf barbaachisuuf dhama’uu fi hordofuun bu’aaf akka qaqqabu hidhi Kooyishaa agarsiiftuu guddaadha-Ministira Dr. Maqdas Dhaabaa

Onkoloolessa 15/2018(TOI)- Waan biyyaaf barbaachisuuf dhama’uu fi hordofuun bu’aaf akka qaqqabu hidhi Kooyishaa agarsiiftuu guddaa ta’uu Ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa ibsan.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gamaaggama raawwii dinagdee gooroo guyyoota 100 bara bajataa 2018 ilaalchisuun hidha Kooyishaatti ministiroota waliin mari’ataniiru.

Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa Mricharratti akka jedhanitti waan biyyaaf barbaachisuuf dhama’uu fi hordofuun bu’aaf akka nama gahu hidhi haaromsaa agarsiiftuu guddaa ta’uu ibsaniiru.

Hojjettoota jaalala biyyaa qaban pirojektii madda anniisaa elektiriikii Koyishaatti arguusaanii dubbatanii, kun ammoo carraa hojii uumuun gamatti leenjiif humna ta’uu akka danda’u dubbataniiru.

Raawwiin dinagdee gooroo guyyoota 100 bara 2018 kan jalqabaa akka biyyaatti hojiin fooyya’aan hojjetamuusaaa kan agarsiisuu fi maddi anniisaa elektiriikii Koyishaa bu’a qabeessummaan si’aayina pirojektii kan irratti mul’ate ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015