Carraan Riijinichaa Humna Itiyoophiyaa waliin kan walitti hidhate waan ta’eef biyyoonni Itiyoophiyaa waliin hariiroo hinqabne dabalatee hariiroo uumuuf fedhii argisiisaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Carraan Riijinichaa Humna Itiyoophiyaa waliin kan walitti hidhate waan ta’eef biyyoonni Itiyoophiyaa waliin hariiroo hinqabne dabalatee hariiroo uumuuf fedhii argisiisaa jiru
Onkoloolessa 15/2018(TOI)-Dhiibbaa damee hundaan uumameen fi Carraan Riijinichaa Humna Itiyoophiyaa waliin kan walitti hidhate waan ta’eef biyyoota Itiyoophiyaa waliin hariiroo hin qabne dabalatee hariiroo uumuuf fedhii qabaachaa dhufuusaanii Ministirri Ittisaa Injiinar Aayishaa Mahaammad ibsan.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad bara baajata 2018 gamaggama raawwii hojii Dinagdee Gooroo guyyoota 100 kan jalqabaa ilaalchisuun Hidha Kooyishaatti Ministiroota waliin marii gaggeessaniiru.
Maricharratti kan argaman Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Aayishaa Mahaammad Carraan Riijinichaa Humna Itiyoophiyaa waliin kan walitti hidhate waan ta’eef biyyoota Itiyoophiyaa waliin hariiroo hin qabne dabalatee hariiroo uumuuf fedhii qabaachaa dhufaniiru jedhaniiru.
Caaseffama cehumsa Diinagdee Itiyoophiyaan hojiin bu’aa qabeessi hojjetamaa jira jechuun ibsaniiru.
Pirojektiin Madda Annisaa Ibsaa Koyishaatti saffisnii fi bu’a qabeessummaan argame hojiiwwan misoomaa biroof muuxannoon kan irraa fudhatamu ta’uu dubbataniiru.
Riifoormiin Caaseffama Dinagdee humna ofiin yaadama biyyoolessaa ta’an dabaluun dameewwan Qonnaan, Albuudaan, dameelee biroon jijjiiramoonni argaman akka dhufan dandeessisuu dubbataniiru.
Magaala Finfinnee fi Magaalota birootti hojiin misooma koriidaraa hojjetamanii fi hojjetamaa jiran haala jireenya hawaasa jijiiruun bu’aa dinqisiisaa argamsiisaa jiru jedhaniiru.