Tamsaasa Kallatti:

Pirojektoonni dhugoomaa jiran imala Itiyoophiyaan Of-danda’uuf itti jirtuuf bu’uura guddaa kan kaa’anidha

Onkoloolessa 15/2018(TOI)-Pirojektoonni gurguddoon Itiyoophiyaan dhugoomsaa jirtu  Imala  Itiyoophiyaan Of-danda’uuf itti jirtuuf bu’uura guddaa kan kaa’anidha jechuun  ibsan Ministirri  Galiiwwanii  Ayinaalam Nugusee.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad bara baajata 2018 gamaggama raawwii hojii  Dinagdee Gooroo guyyoota 100 kan jalqabaa  ilaalchisuun Hidha Kooyishaatti Ministiroota waliin  marii gaggeessaniiru.

Ministirri Galii Ayinaalam Nugusee  wayita kana Pirojektoonni gurguddoon Itiyoophiyaan dhugoomsaa jirtu  Imala  Itiyoophiyaan Of-danda’uuf itti jirtuuf bu’uura guddaa kan kaa’anidha jedhaiiru.

Pirojektoonni kun lammiileen kan itti boonanii fi dandeettii biyyittii kan argisiisanidha  jechuun ibsaniiru.

pirojektii madda annisaa ibsaa kooyishaa dabalatee  pirojektoonni misoomaa biroon xumuramanii fi hojjetamaa jiran misoomni ifatti mul’atee akka argamuu fi adeemsa jireenya lammiilee fooyyessuu keessatti qooda hoggansi qabu  olaanaa ta’uu akka agarsiisu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015