Tamsaasa Kallatti:

Pirojektii ijaarsisaa dhaabbate lubbuu itti horuu danda’uun ogummaa hoggansa cimaa kan gaafatudha-Ministira  Dr. Ergoogee Tasfaayee

Onkoloolessa15/2018(TOI)-Pirojektii ijaarsisaa dhaabbate lubbuu itti horuu danda’uun ogummaa fi dandeettii hoggansaa cimaa kan gaafatu ta’uu pirojektii kooyishaatti  argameera jechuun ibsan Ministirri dhimma  Dubartootaa fi dhimma Hawaasummaa Dr.  Ergoogee Tasfaayee ibsan.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad bara baajata 2018 gamaggama raawwii  Dinagdee Gooroo guyyoota 100 ilaalchisuun hidha kooyishaatti  Ministiroota waliin  marii gaggeessaniiru.

Maricharratti kan aragaman  Ministirri Dubartootaa fi  dhimma Hawaasummaa Dr. Ergoogee Tasfaayee Pirojektii ijaarsisaa dhaabbate lubbuu itti horuu danda’uun ogummaa fi dandeettii  hoggansaa cimaa kan gaafatudha jedhaniiru.

Bara baajata 2018 gamaggama raawwii hojii Dinagdee Gooroo guyyoota 100 akka biyyaatti  hojiin fooya’aan hojjetamuu kan argisiisuu fi pirojektiin madda annisaa ibsaa kooyishaa   saffisnii fi bu’a qabeessummaan kan itti  argame  ta’uu ibsaniiru.

Hidha kooyishaa yeroo lammata daawwachuusaanii ibsuun haala raawwii amma argan  dinqisiifataniiru.

Pirojektii ijaarsisaa dhaabbate lubbuu itti horuu danda’uun ogummaa fi dandeettii hoggansa cimaa kan gaafatu ta’uu fi  kanas pirojektii kooyishaatti arguusaanii ibsaniiru.

Keessumaa galteewwan ijaarsaaf oolan qabeenya naannoosanatti argamu ta’uusaa fi qabeenyi hedduun nuyi hin argine  harka keenyarra jiraachuu  kan argisiisudha  jechuun  dubbataniiru.

Akkasumsa Hawaasa Naannichaa Abbaa Pirojektichaa taassisuuf hojjetamaa jiraachuu fi  tajaajila hawaasaa kanneen akka ibsaa, daandii  fakkeenya kan ta’an ta’uu ministirri kun kaasaniiru.

 Raawwiin dinagadee gooroo guyyoota 100 jalqabaa bara bajataa 2018 akka biyyaatti hojiin fooyyee qabu hojjetamuusaa kan agariisuu fi si’aayinni pirojektii madda anniisaa elektiriikii Koyishaa bu’a qabeessummaan kan itti mul’ate ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015