Bulchiinsichatti Baatiiwwan sadan darban Dureeyyiin Kaappitaala Birrii biiliyoona 35ol galmeessisan hojii eegalaniiru - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsichatti Baatiiwwan sadan darban Dureeyyiin Kaappitaala Birrii biiliyoona 35ol galmeessisan hojii eegalaniiru
Onkoloolessa15/2018(TOI)-Bulchiinsa Dirree Dawaatti Baatiiwwan sadan darban Dureeyyiin Kaappitaala Birrii biiliyoona 35 ol galmeessisan eeyyama fudhatanii hojii misoomaa adda addaarratti bobba’uusaanii Biiroon Daldalaa, Industirii fi Invastimantii bulchiinsichaa ibse.
Bu’uuraalee misoomaa magaalichatti diriiranii fi deeggarsoonni taassifaman sochiin invastimantii guddaan akka dabalu dandeessisuu dubbataniiru.
Biirichatti dursaan garee Qophii Odeeffannoo Qorannoo Pirojektii Invastimantii fi piromooshinii Abarraa Mangistuu TOI’f akka ibsanitti , Dirree Dawaatti sochiin Invastimantii dadammaqaa dhufeera.
Keessumaa Sochii Itiyoophiyaan haa omishtuuun deeggarsoota fi hordoffii taassifamaa jiraniin guddina damichaaf haala mijataa uumeera jedhaniiru.
Kurmaana kanatti dureeyyii kaappitaala Birrii biiliyoona 35 ol galmeessisan eeyyama fudhatanii gara hojiitti bobba’uusaanii akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Dureeyyiin eeyyama fudhatan 113 yoo ta’an damee irratti bobba’anis Industirii, Qonna fi Damee ijaarsaarratti ta’uusaanii dubbataniiru.
Dureeyyiin gara hojiitti seenan adeemsa ijaarsaa keessatti carraa hojii yeroo uumuun olitti omisha yeroo eegalan lammiilee kuma 1 fi 950’f carraa hojii dhaabbii ni uumu jedhaniiru.
Dureeyyiin gara hojiitti galan heduunsaanii guyyaa dhalattoota Dirreedawaa fi michuuwwan ishee kan waggaa irratti kan hirmaatanii fi biyya Alaa kan jiraatan waan ta’aniif ce’umsa teekinooloojii haarawaa dabarsuuf carraa ni uuma jedhaniiru.
Bulchiinsi Dirree Dawaa deeggarsaa fi hordoffii addaa damichaaf kenneen dureeyyii hojii invastimantii irratti hirmaatan hawachuurra darbee ijaarsarra warri jiran dafanii gara omishaatti akka ce’an dandeessisuu dubbataniiru.
Akka fakkeenyaatti torban lamaan dura Industiriiwwan 11 gara omishaatti ce’an bu’aa deeggarsaa fi hordoffii kanaa ta’uusaanii eeraniiru.