Misoomni kooriidarii magaalaa Roobee magaalattii miidhagduu fi bakka jireenyaa fi daldalaa mijataa gochaa jira - ENA Afaan Oromoo
Misoomni kooriidarii magaalaa Roobee magaalattii miidhagduu fi bakka jireenyaa fi daldalaa mijataa gochaa jira
Onkoloolessa 15/2018(TOI)- Misoomni kooriidarii magaalaa Roobee magaalattii miidhagduu fi bakka jireenyaa fi daldalaa mijataa gochaa jiraachuu jiraattonni ibsan.
Misoomni kooriidarii Baalee Roobee magaalicha daandiiwwan gurguddoorratti ijaaramaa jiru xumuramaa jira.
Hojiin kun misooma kooriidarii dabalatee misooma magariisaa, ibsaa daandiirraa fi hojiilee biroo ofkeessatti qabatee himaannaa hawaasaan hojjetamaa kan jiru kan ibsame yoo ta’u misoomni kooriidarii bifa magaalaa fooyya’aa uumuu dandeessisuu jiraattonni dubbataniiru.
Jiraattota magaalichaa keessaa obbo Isaa Xaahir, hojiilee misooma Kooriidarii miidhaginaa fi qulqullina magaalaa Roobee mirkaneessan raawwatamuu dubbataniiru.
Misoomni kun magaalattii miidhagduu fi jiddugala jireenyaa fi daldalaa mijataa gochuurra darbee guddinasheef bu’ura kan ta’udha jedhaniiru.
Jiraataan magaalattii biroon obbo Bakar Mahaammad gamasaaniin, waggoottan darban magaalattiitti ganna dhoqqeen bona ammoo dhukkeen isaan rakkisaa akka ture kaasaniiru.
Hojiin yeroo amma hojjetame garuu rakkoo ture kan furee fi gaaffii ummataa kan deebisedha jedhaniiru.
Misoomni kooriidarii daandii lafoo, Bishkileetii fi konkolaataa waan ofkeessaa qabuuf muddama tiraafikaa oolchee jiraattotaaf haala mijataa uumuusaa kan dubbatan ammoo jiraataa magaalattii obbo Abdulhafiiz Umaridha.
Magaalaan keenya mijattuu fi hawattuu waan taateef ijoollee keenyaafis bakka bashannanaa arganneerra kan jedhan obbo Abdulhafiiz, hojiin misooma kooriidaraa caalaatti akka babal’atu deeggarsa taasisan akka itti fufan dubbataniiru
Dargaggoo Murtii Jaarsoo gamasaatiin magaalaan Roobee bifa gaarii uffatee jiraattotaaf ijataa waan ta’eef isa dabalatee dargaggoonni hedduuf carraa hojii uumuu dubbateera.
Keessumaa namoota fincaa’aawwan qarqara daandiirratti hojjetamanii fi bakkeewwan namatti tolanitti bashannanan suuraa kaasuun galii argatuun fayyadamaa dhufuusaa akka agarsiiftuutti kaaseera.